Ida'amuun namoomarraa eegala ... Yoonaas Zawudee

78

Finfinnee (TOI)  ,Onkoloolessa 10/2012  Ida’amuun duursa namooma iraa kan eegalu ta’uu isaa Yuunvarsiitii Finfinneetti barsiisaan falaasamaa Yoonaas Zawudee himan.

Mariin yaada haaraa ilaalcha ida'amuurratti xiyyeeffatu Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeeffamaa jira.

"Ida'amuun carraalee gaggaarii siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa Ityoophiyaa fayyadamuu, dogoggoroota mudatan sirreessuu fi fedhii dhaloota itti aanuu guutu dha"  jedhan barsiisaan falaasamaa Yoonaas Zawudee.

Hayyichi yaada marii kana  irratti kaasaniin Ida'amuun namoomarraa eegala jedhaniiru.  

Ida'amuu keessa walitti qabamuu, kuusuu fi gabbisuutu jira; dilbiiwwan kanaan duraa sirnaan qorachuudhan beekuun gabbisuun badhaadhinaaf itti fayyadamuudhas jedhaniiru.  

Hayyuun biraa yaada dhiyeessan Fissahaa Yittaagasu ammoo " ilaalchi ittiin hogganamnu nu keessaa ba'ee Itiyoophiyaa kan fayyadu ta'uu qaba " jedhaniiru.    

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015