Ida'amuun Yaada Waan Gaarii Darbe Qabachuun Dogoggoroota Sirreessuudhaan Isa Boruu Agarsiisudha --- Ministira muummee Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ida'amuun Yaada Waan Gaarii Darbe Qabachuun Dogoggoroota Sirreessuudhaan Isa Boruu Agarsiisudha --- Ministira muummee Abiyyi Ahimad

Onkoloolessa 8/2012(TOI) - Ida'amuun yaada yaalii gaarii Itiyoophiyaa keessa ture Cimsee qabatu, dogoggoroota kaleessa raawwataman sirreessuudhaan isa fuula duraa agarsiisu ta'uu ministirri muummee Abiyyi Ahimad ibsan.
Kitaabni Ida'amuu ministira muummee doktar Abiyyiin barreeffame har'a sirna Finfinnee galma barkumeetti adeemsifameen eebbifameera.
Ministirri muummee Dr.Abiyyi wayita kana akka jedhanitti yaadni Ida'amuu kan boruu ni ilaala, garuummoo mo'achuu kaayyeffata, haala kanaan adeemsa badhaadhinaa gara fuula duraa agarsiisa jedhaniiru.
Yoo xinnaaate "Ida'amuun hiyyummaa dhaloota dhufuuf kan ceesifnu osoo hin ta'iin ijoollee keenyaaf badhaadhina kan dhaalchifnu akka taanu karoora hojiirra ooluu danda'u kan of keessatti qabatedha" jechuun hubachiisaniiru.
Yaadama Ida'amuu keessa garaagarummaan hin jiru kan jedhan ministirri muummee Abiyyi, haata'u malee garaagarummoonni kabajamanii, faaya ta'anii tokkummaaf utubaa ta'uu ni danda'u jechuun ibsaniiru.
Kana malees yaadamni Ida'amuu walumaa gala garaagarummoota gama qooqa, aadaa, amantaa fi saalaan mul'atan tokko ta'uu kan dhorkan osoo hin ta'iin kennaa ta'anii tokkummaaf simboo, miidhagina ta'uu danda'u jedhee cimsee ni amana jedhuun himaniiru.
Akka ministirri muummee jedhanitti yaadamni Ida'amuu garaagarummaa ni kabaja, rakkoolee fi garaagarummoonni walitti bu'iinsaa fi waldhabiinsaaf sababa akka hin taane yaadota haaraa, marii fi waliin dubbachuuf dursi akka kennamu carraa ni kenna.
Yaadama Ida'amuutiin dogoggora kaleessaa ni sirreessina kan jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi, waggoota 28f Itiyoophiyaa hogganaa kan jiru ADWUIn karaa addaddaa heera mootummaa cabsaa akka ture kaasaniiru.
ADWUIN hawaasa dinagdee fi siyaasaa tokko uumuun galma kooti jechaa kan ture yoo ta'u, amma ammaatti Itiyoophiyaa tokko taasisuus ta'e ofiifis tokko ta'uu akka hin dandeenye dubbataniiru.
Walitti makamuu paartilee ilaalchisuun yaada kaasaniin "walitti makamuun" falaasama Ida'amuu yoo ta'ee fi ADWUIn yoo walitti makame gara wal fixuutti galama yaadni jedhu dogoggora ta'uu ibsaniiru.
Walitti makamuun paartilee kanneen biroo akka waan tokko gochuutti fudhachuunis yaada dogoggoraa ta'uusaa, naannolee Itiyoophiyaa saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni addaddaa paartii siyaasaa biyya bulchu tokko jalatti bulaa jiran fakkeenya kaasuun himaniiru.
Kanas ta'ee qaamoleen yaadama Ida'amuu hin fudhanne filannoo "baay'achuu" jedhu qabatanii falmuu qabu jedhaniiru.