Ida'amuun Federaalizimii Dhugaa Diriirsuuf

Onkololeessa 8/2012(TOI)-Sirni eebba kitaaba ida'amuu Muummee Ministiraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimadiin barreeffame bakka I/A Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti galma guddaa magaalaa Naqamteetti raawwateera.

Aadaa fi duudhaan Oromoo har'a laga cehuun Itiyoophiyaa boonsuu danda'eera.
Icitiin gootummaa yaada. Gootonni yaada mo'ataa qabatanii Wallagga keessaa ka'uun seenaa boonsaa raawwataniiru jedhan Pireezidaant Shimallis.

Kan qabeenya keenya saame, ijoollee keenya rasaasaan fixe yaad, Kan har'a injifannoo amma gonfannerra nugahes yaada.
Ummata keenya rakkoo siyaasaa fi dinagdee keessaa baasuuf yaadni ida'amuu Muummee ministiraa keenyaan qophaa'es har'a ija godhateera.

Warri har'a abukaattoo federaalizimii fakkaatanii as bahan golgaa kanaan cunqursaa fi hacuuccaa jalatti ummata hambisuu kaayyeffatanidha.

Ida'amuun garuu federaalizimii dhugaa diriirsuun wal qixxummaa fi dhugaan akka jiraatuuf federaalizimii sabdaneessaa sirriin akka jiraatu taasisa.

Sabboonummaan Oromummaa Oromoo fi Itiyoophiyaarra darbee gaanfa Afriikaatiif bu'aa akka buusutti yaada qophaa'e waan ta'eef rakkoo siyaas dinagdee Oromoon qabu bifa duubatti deebi'uu hin dandeenyeen kan qophaa'edha.

Yaadni idaa'amuu mootummaan federaalaa sirriitti ummata Itiyoophiyaa akka fakkaatu kan taasisudha.
Yaadni ittiin kaleessa bitamaa turre imaammataanis tarsiimoodhaanis qabeenyaa keenya saamaa ture akka nutti hin deebinetti injifatameera.

Yaadichi xumuramaa ykn cufamaa miti. Oromoon yaada itti dabaluu, gabbifachuu fi fooyyeeffachuu kan danda'udha.
Yaadni ida'amuu Itiyoophiyaa ceesisuu fi gaanfa Afriikaa keessatti nagaa buusuun addunyaarratti dinqisiifannaa olaanaa Oromoo gonfachiiseera.

Abdiisaa Aagaanfaa kan isaan qsbsaa'aa turan wal qixxummaa, nagaa fi tokkummaa biyyaaf ture.
Ijolleen keenya kana booda mataa gadi qabattee hin deemtu. Yaada kana qabannee rakkoo siyaas dinagdee ittiin furachuun imala keenya gara fuulduratti itti fufuu qabna jedhan jechuun BDhKMNOn gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015