Koreen Giddu Galeessaa ODP Yaa’ii Idilee geggeessaa jira

56

Finfinnee,TOI, Onkoloolessa 5/2012 Koreen Giddu Galeessaa Paartii Dimokiraataw Oromoo /ODP/ Yaa’ii Idileesaa Finfinneetti taa'aa jira.  

Koreen kun raawwii akka paartii fi Mootummaatti ture gamaagamuun hanqinaa fi ciminoota jiran irraatti mari’atee kallattii ni kaa’a jedhameera.  

Dhimma tokkummaa keessoo paartii fi rifoormiin paartilees ajandaa marii kanaa akka ta’e beekameera.

Dhimmoota jijjiirama kanatti gufuu ta’anis adda baasuun kallaattiin akka kaa'amu Itti Gaafatamaan Waajjira ODP Giddu Galeessaa Obbo Addisuu Araggaa ibsaniiru jechuun kan gabaase biiroo koomunikeshinii oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015