Daandiin hojjetame riqicha waan dhabeef akka rakkatan jiraattonni himan

173

Gobbaa, (TOI) Onkoloolessa 05/2012 Daandiin baadiyyaa naannawaa keenyatti hojjetamee Riqicha waan dhabeef rakkoo keessa jira jedhan horsiisee bultoonni Godina Baalee aanaa Sawweenaa.

Waajirri Abbaa Taayitaa Daandiiwwaanii Godinicha gama isaatiin rakkoon ka’e dhugaa ta'u eeruun furmaata isaaf xiyyeefannoon hojjachaa akka jirus beeksisera.

Jiraataan aanaa sawweenaa ganda oroosaa obboo Jamaal Kadiir yaada kennaniin akka jedhanitti  sababa dhabiinsa daandiin gabaa dhaqachuu fii oomisha keenya gabaatti geeffachuuf rakkachaa turrus  amma garuu furmaata arganne jirra jedhan.  

Haata'uutii daandiin nuuf hojjetame kun riqicha waan hin qabneef rakkina garaa garaaf nu saaxilaa jira jechun dubbataniiru.

Qaamni dhimmi isaa ilaallatus furmaata haatattamaa akka nuuf kennuu ni gaafanas jedhaniiru.

" Daandiin nuuf hojjetamee Riqaa dhabuu isaa irraan kan ka'ee deessuun yeroo ciniinsuun itti dhufuu tajaajila ambulaansiitti yoo fayyadamtees wayita lagaa bira geessuu karaan dabartu waan hin jirreef irraa akka buutu ta'a " kan jedhan immoo jiraataa ganda xirracha feejjaa obbo Kadiir qaasimootti.

Keessattuu lagni “ Dhaaree “dildila dhabuu irraa kan ka’e beelladoota keenyaallee nu jalaa nyaachaa waan jiruuf qaamni dhimmi ilaalu nuuf birmatuu qabas jedhaniiru. .  

Itti gaafatamaan Abbaa taayitaa daandii aanaa sawweenaa obboo Muhammad Abdullaahii gama isaaniitiin akka jedhanitti komiin hawaasni naanichaa riqichaan walqabatee kaasu komii sirriif furmaata si’ataa kan barbaaduu dha jedhaniiru.    

Rakkicha sadarkaa aanaatti furuuf riqaalee bal’inni isaanii meetira 20f achii ol ta’an hojjachuun aangoo Godina fi Naannoo waan ta'eef qaama dhimmi ilaaluutti beeksiisne jira jedhaniiru.  

Itti gaafatamaan abbaa Taayitaa godina baalee obboo Taajuddiin Hasuu gama isaaniin rakkoon ummatni aanaa Sawweenaa kaassee dhugaa ta'u eeruun furmaata isaaf akka godinaatti xiyyeefannoon hojjachaa jirra jechun dubbataniiru.

Bu’uruma kanaan daandii baadiyaa kanaan dura hojiin isaanii hojjatamanii sababa riqichaan  dhabuutiin tajaajila guutuu hawasaaf kennaa hin jirre 22 hojjetamaa  jiras jedhaniru.

Kanas yeroo gabaabaa keessatti xumuruun gaaffii ummataaf furmaata ni laatna jechuun ibsaniiru.

Godina Baaleetti bara 2004 irraa eegalee hojii sagantaa waliin gahiinsa daandii baadiyyaatiin daandiin kiloomeetira kuma lama(2000) hojjatamee qonnaan bultoota fi horsiisee bultoota godinichaatiif tajaajila kenna akka jiru ibsa obboo Taajuddiin irraa hubachuun danda’ameera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015