Badhaasa Noobeelii Nagaa Muummeen Ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad Carraa Injifachuu Qabu Jedhame


Fulbaana 27/2012 /TOI/ -Badhaasa Noobeelii Nagaa  Muummeen Ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad carraa injifachuu qabu jedhame.  

Badhaasni Noobeelii namoota muummeewwan garaagaraan addunyaaf waan guddaa gumaachaniif kennamu kan bara 2019 ifa tahuu eegaleera.  

Koreen badhaasa Noobeelii A.L.A Onkoloolessa 7-14 tti muummeewwan jahaan injifattoota bara kanaa beeksisaa jira.

Muummee fayyaan saayintiistota sadii qorannoo seelotaa fi argama Oksijiniirratti hojjetaniif beekamtii kenneerra.


Wiliam G. Kaelin, Jr., Sir Peter J. Ratcliffe fi Gregg L. Semenza badhaasa kana waliin injifataniiru.

Barruun ‘Time’ badhaasa Noobeelii kan nagaaf kadhimamtoota 4 injifachuuf carraa guddoo qabu jedhe beeksiseera.

Isaanis shamarree ganna 16 gara caalu dhimma jijjiirama qilleensaarratti hojjechuun beekamtu - Greta Thunberg, Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad (PhD), Ministirri Muummee Niiwziilaand Jasiindaa Ardern fi bosona roobaa Amaazooniin balaarraa iittisuun kan beekamu Ra’uuni Metuktaayer.

Badhaasa Noobeelii nagaa bara kanaaf kaadhimatootni 301 galmaahuu koreen badhaasichaa kan beeksise yommuu ta’u, akka seera koree kanaatti eenyummaan kaadhimamtootaa kanneen injifataniin alatti waggaa 50 booda beekama.  

Injifataan badhaasa Noobeelii nagaa bara kanaa Jimaata dhufu ifa ta'a.

BBCtu gabaase 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015