Ayyaanni irreechaa Hora Finfinnee Waggaa 150 booda Finfinneetti kabajamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni irreechaa Hora Finfinnee Waggaa 150 booda Finfinneetti kabajamaa jira
Fulbaana 24/2012(TOI) - Ayyaanni irreechaa Hora Finfinnee erga addaan citee waggaa 150 booda handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinnee iddoo Doloolloo Biddeenaa jedhamuutti kabajamaa jira.
Sirni Kabaja Ayyaana Irreechaa kun eebba Abbootii Gadaatiin kan eegale yoo ta’u, Sirna irreeffannaa kana irratti hirmaachuuf jilli Godinaalee Oromiyaa , naannolee biyyattii hunda keessaa fi lammiileen biyyoota alaa adda addaa guyyaa kaleessaa Magaalaa Finfinnee galan irratti hirmaataniiru.
Jala bultiin kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadii guyyaa kaleessaa bakka qondaaltonni olaanoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, Naannolee biro fi Federaalaarra argamanitti sirna bareedaan kabajamuunsaa ni yaadatama.
OBN tu gabaase.