Godina Baaleetti Aanaa Gindhiiritti Waldhabdee namoota Dhuunfaa Jidduutti Uumameen Lubbuun Namoota Shanii darbe

57

Gobbaa Fulbaana 19/2012 (TOI) – Godina Baalee aanaa Gindhiir kaleessa lafa gabaatti namoota dhuuunfaa lama jidduutti waldhabdee uumameen lubbuun namoota shanii darbuusaa qajeelchi poolisii godinicha beeksise.

Qajeelchichatti ogeessi Divijinii komunikeeshinii komaandar Naasir Umar har’a TOIf akka ibsanitti balaan kun kaleessa Fulbaana 18/12012 guyyaa keessaa naannawa sa’aatii 9:00tti  magaalaa Harawwaatti waldhabdee namoota lama jidduuttu uumameeni.

Waldhabdeen kun walitti bu’iinsa cimaatti guddachuudhaan lubbuun namoota shanii yoo darbu, namoonni balaan cimaan irra ga’e lama Hospitaala waliigalaa Gindhiiritti yaalamaa akka jiran komaandar Naasir hubachiisaniiru.

Wayita ammaa bakkichatti tasgabbiin uumamuu kan eerga komaandar, walitti bu’iinsichaan wal qabaee namoonni shakkaman lama to’annaa poolisii jala oolanii qorannoon dabalataa taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Waldhabdeen wayita uumamu gara caasaa mootummaa sadarkaan jiranii deemuun

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015