Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota Mootummoota Misoomaa Afrikaa Bahaa /IGAD/ Niwyoorkitti Mari'atan

63

Finfinnee Fulbaana 15/2012 (TOI) - Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota Mootummoota Misoomaa Afrikaa Bahaa /IGAD/ Niwyoorkitti mari'ataniiru.

Waltajjichi kan gaggeeffame yaa'ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 74ffaa Niwyoorkitti gaggeeffamu cinaatti jedhameera.

Obbo Gadduun dura taa'aa Mana Maree Ministirootaa Mootummoota Misoomaa Afrikaa Bahaa akkuma ta'an waltajjicha waamanii miseensota mariidhaaf teessisaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Kibbaa Awut Deeng Akuuyii fi gitni isaanii Sudaan Asmaa Abdallaa biyyoota isaaniitti nagaa fi tasgabbii buusuuf Mootummoonni Misoomaa Afrikaa Bahaa tumsa gaarii laachaa turuu fi jiraachuu ibsan.

Maricharratti ministiroonni dhimma alaa Jibuutii, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Soomaaliyaa fi Itiyoophiyaa, akkasumas da’eettonni ministiraa Keeniyaa fi Ugaandaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015