Godina Gujiitti Daldaltoonni Seeraan Ala Hojjechaa Turan 200 Idileedhaan Gibira Kafaluuf Galmaa’an

63

Fulbaana 13/2012 (TOI)በ- Naannoo Oromiyaa godina Gujii daldaltoonni seeraan ala hojjchaa turan 200 idileedhaan gibira kafaluuf galmaa’uusaanii abbaan taayitaa galiiwwanii godinichaa ibse.

Baatii tokko keessatti godinicharraa galiin birriin miiliyoona 39 fi kuma 852 fi 66 sassaabamuunsaa ibsameera.

Itti gaafatamaan abbaa taayitichaa obbo Aagaa Goobanaa TOIf akka ibsanitti godinichatti daldala seeraan alaa fi gibira dhoksuu ittisuuf hojmaanni haaraan diriireera.

Daldaltoonni eyyama fudhatan sirna to’annoo fi hordoffii haaraa jalqabameen karaa seeraan alaa osoo hojjetamanii kan irratti beekamedha.

Akkasumas gibira dhoksuudhaaf osoo meeshaa galmeessu hin qabaatiin akkasumas naga’e taaksii galii dabalataa osoo hin kenniin kan hojjetan hordofanii qabuuf koree waajjiricharraa walitti baba’een hojjechaa akka jiru himaniiru.

Naga’ee taaksii galii dabalataa osoo hin kenniin hojjechuun fayyadamaa tokko qofaan hidhaa waggaa shanii fi birrii kuma 50 akka adabsiisu dubbataniiru.

Waggaa darbe daldaltoonni gibira mootummaa birrii miiliyoona 14 ol dhorkuuf yaalan 303 birrii miiliyoona 3 adabamuusaanii yaadataniiru.

Abbaan taayitichaa bara bajataa jalqabametti godinicharraa galii birrii miiliyoona 347 fi kuma 621 ol sassaabuuf karoorsee hojjechaa akka jiru beeksiseera .

Kana keessaa baatii Adoolessaa darbe kafaltoota gibiraa sadarkaa ‘c’ irraa birrii miiliyoona 39 fi kuma 852 fi 66 sassaabuusaa ibsaniiru.

Magaalaa Nagalleetti shaqaxa kan daldalan daldalan sadarkaa ‘C’tti birrii kuma 10 kan kafalan adde Sintaayyoo Ayyalaa gibira kafaluun dirqama lammummaati jedhaniiru.

Daldalli seeraan alaa dorgommii daldala haqa qabeessaa kan dabsu waan ta’eef to’annoo fi hordoffiin taasifamuu qaba jedhaniiru.

Daldala seeraan alaa to’achuun yoo hin danda’amne galiin sassaabuuf karoorfame milkaa’uu akka hin dandeenye jiraataan magaalaa kanaa fi hojii Hoteelaa kan hojjetan obbo Gizaachoo Kaasaa eeraniiru.

Daldala seeraan alaa ittisuuf hojiin to’annoo fi hordoffii cimee akka itti fufuu fi gibirri karaa haqa qabeessa ta’een akka murtaa’u gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015