Gosni Albuudaa Ambaar Jedhamu Godina Shawaa Kaabaatti Baay’inaan Kan Argamu Tahuu Qorannoon Mirkanaa’e - ENA Afaan Oromoo
Gosni Albuudaa Ambaar Jedhamu Godina Shawaa Kaabaatti Baay’inaan Kan Argamu Tahuu Qorannoon Mirkanaa’e
Fulbaana 13/2012- Gosni Albuudaa Ambaar jedhamu Godina Shawaa Kaabaa Aanaalee Yaayyaa Gullallee fi Waacaaleetti baay’inaan kan argamu tahu qorannoon mirkana’eera.
Aanaa Yaayyaa Gullaleetti sululli gammoojjii Laga Mogor qabeenya albuudaa gosa gara garaa kan qabu yoo ta’u, Albuudaalee jiran keessaa tokko Albuuda gatii gaarii qabu Ambaar isa tokkodha.
Albuudni Ambaar kun miidhaginaaf, faayaalee adda addaa fi qorichummaaf kan oolu akka ta’e beekameera.
Albuuda kana hawaasni naannichaa haga tokko mala aadaatiin baasuun gurgurachaa kan ture yoo ta’u, keessattuu namoonni faayidaa isaa beekan hawaasa naannchaa irraa gatii gadii aanaa ta’een bituun itti fayyadamaa akka turan hawaasa naannichaa irraa hubachuun danda’ameera.
Ambaariin aanaanee kanneen keessatti argame kun jireenya hawaasa aanaalee jijjiiruu bira darbee guddina dinagdee biyyaaf akka fayyaduuf ,abbootiin qabeenyaa misoomsuu barbaadaniif nuti qophiidha jedhan itti gaafatamaan Waajira Albuudaa fi Inarjii aanaa Yaayyaa Gullallee obbo Darrabaa Haayilu.
Albuudni Ambaarii jedhamu kun aanaa Yaayyaa Gullalee fi Waacaaleetti baldhinaan akka jiru qorannoon mirkanaa’eera, misoomsuufis hojjatamaa jiraachuu kan himan immo itti gaafatamaa Waajjira Misooma Albuudaa Godina Shawaa Kaabaa obbo Masfin Nabalbaaluuti.Kna gabaase OBN.