"Barnoonni Qulqullina Qabu Milkaa'ina Boriif Bu'uura" ---Obbo Shimallis Abdiisaa I/A P Mootummaa Naannoo Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
"Barnoonni Qulqullina Qabu Milkaa'ina Boriif Bu'uura" ---Obbo Shimallis Abdiisaa I/A P Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Fulbaana 13/2012 (TOI) -Yaa'ii Barnootaa Oromiyaa guyyaa kaleessaa Finfinneetti taa'ame irratti kan argaman l/A Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaa barnoonni qulqullina qabu milkaa'ina boriitiif bu'uura waan ta'eef xiyyeefannaa olaanaatiin irratti ni hojjenna jedhan.
Barnoonni Oromoof jalqabaa fi xumura waan hundaati, Oromoon har'a hanga baratee fi karoorfaterra gahee jira jedhaniiru obbo Shimallis.
Borimmoo ilmaansaa har'a barsiifate bakka isaan gahan gaha. Kanaaf ijoollee keenya har'a bu'uura gaarii irratti beekumsaa fi dandeettii akkasumas naamusaan utubnee dhaabuuf kutannoon hojjechuu nugaafata jedhaniiru.
Hogganaa ykn gaggeessaa cimaan dandeettii fi ciminni isaa barattoota ciccimoo egeree biyyaaf wabii ta'uu dandaa'an jabaatee yoo horatedhas jedhan jechuun kan gabaase BDhKMNOti.