Fiigichi Irreechaa Guddichi Dilbata Gaggeeffamu Nagayaan Akka Xumuramu Qophiin Taasifameera

95

Fulbaana 9/2011- Fiigichi ka'umsaa fi ga'umsasaa Addabaaba'ii Masqalaa taasifate, Fiigichi Guddichi Irreechaa nagayaan eegalamee akka xumuramuuf qophii taasisuu daayrektarri kominikeeshinii komishinii poolisii Finfinnee Koomaandar Faasikaa Faantaan ibsaniiru.

Fiigicha namoonni kuma 50 ol irratti hirmaatan kanaaf eegumsa barbaachisaa gochuuf qophiin taasifamuu ibsaniiru.

Fiigichi Irreechaa Guddichi Addabaaba'ii Masqalaatii ka'uun, Lagahaar, abbaa yaayitaa Shaayii Bunaa, Gannat, Bulgaariyaa, Qeeraa,  Gootaraa, Agoonaa Siiniimaa, Hooteela Gloobaal, Mashwaalakiyaa marfachuun gaggeeffama.

Haaluma kanaan naannolee kanneenitti konkolaataa dhaabanii deemun akka hin danda'amne ibsanii, fiigichichi amma xumuramutti,  Quddus Uraa'elii gara Addabaaba'ii Masqalaa, Olompiyaadhaa gara Addabaaba'ii Masqalaa, Araat Kiiloodhaa gara Addabaaba'ii Masqalaa,  Hoteela Harraambedhaa gara Addabaaba'ii Masqalaa, Lidataadhaa Meeksiikoo,  Shabaleedhaa Qeeraa,  Gamtaa Afrikaatii Buulgaariyaa,  Saarbeetii Qeeraa,  Goofaa Gabreelii Marfata Goofaa,  Qirqoosii Marfata Goofaa, Qiirqoosii Lagahaar, Qiirqoosii Hooteeln Gannat, Masqal Flaawarii Agoonaa Siniimaan konkolaattotaaf cufaa ta'u.

 Uraa’eelii – Xoor Haaylooch deemuuf, Kaasaanchiis, Araat Kiiloo, Sharaatan, Harraambee, Gommaa Quuxxabaa, Piyaassadhaa – Boolee deemuuf, Harraambee, Filwuhaa, Kaasaanchis, Uraa’eel, Hooteela Atlaas , Boolee, Saarbeetii – Lidataa deemuuf,Makkanniisaa Aabboo, Madhaaniit, Marfata lakkoofsa 3, Bisraata Gabreel, Kaarl, Teelee Lidataa, • Piyaassaadhaa – Saariis deemuuf, Charchil, Xiqur Anbassaa, Oormaa, Hoospitaala Zawdituu, Filwuhaa, Uraa’eel, Akkasumas daandii Piyaassaadhaa - Tiyaatira Biyyoolessaa filmaatan fayyadamuun ni danda’ama jedhaniiru.

Hawaasni shakkii nageenyaa kamiifuu karaa sararoota tajaajila bilisaa 991, 6727, 816 fi 011-1-11-01-11 akkasumas 011-1-01-02-97- fayyadamuu akka danda’us yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015