Leenjiin Leenjiftoota Foolleewwanii Finfinnee Giddu Gala Aadaa Oromootti Kennamaa Jira

87

Fulbaana  7/2012  (TOI) - Leenjiin Leenjiftoota Foolleewwanii Finfinnee Giddu Gala Aadaa Oromootti Kennamaa Jira.

Gamtaan abbootii gadaa Oromiyaa Irreechi baranaa karaa nagaan akka xumuramuuf haal-dureewwan barbaachisan xumuraa jira.

Keessumattuu Irreecha Hora Finfinnee jaarraa tokkoo oliif addaan citee ture kabajuuf  Foollee fi Qeerroon nagaa fi tasgabbii eeguuf gaafatama guddaa qabu.

Gamtaan abbootii Gadaas Foolleewwan qindeessitoota qeerroo fi qarree ta'aniif leenjii kennaa jira.

Foolleewwan leenjii kana fudhatan foollee fi qeerroo godinaalee irraa walitti dhufan leenjisu.

Abbaan Duulaa Dinquu Dayyaasaa, Foolleetu qeerroof qajeelfama kennee abbaa biyyaa nugodhe, ayyaana kana irrattis Foolleen bilchinaan wal hubannaan milkaa'ina sirna kanaatiif hojjachuu qaba jedhan.

Leenjiin kun mata dureewwan ijaarsa eenyummaa, jijjiirama bulchuu, Dandeettii komunikeeshinii, bilchina miiraa, walitti bu'iinsa furuu fi ilaalcha gaariin qabaachuun isaan ijoodha. OBNtu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015