Balaa Konkolaataa Kalleessa Galgala Godina Harargee Bahaatti Qaqqabeen Lubbuun Namoota 10 Darbe

213

Haraargee Fulbaana 6/2012 (TOI) - Balaa konkolaataa kalleessa galgala godina Harargee Bahaa aanaa Gooroo Guutuu ganda Maddisaa Jaalalaatti qaqqabeen lubbuun namoota 10 darbe.   

Ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa Koomaandar Siyyuum Daggafaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka jedhanitti Konkolaataan geejiba ummataa magaalaa Jigjigaatii gara Finfinnee osoo imalaa jiruu namoota cidha deemanirratti miidhaa lubbuu fi qaamaa qaqqabsiisera.  

Balichi kan mudate kaleessaa galgala naannoo sa'aa 4tti yemmuu ta'u konkolaataa lakkoofsi gabatee isaa koodii 3- 66092 O.R ta'eenii dha jedhaniiru.     

Balichaan namoota lubbuu isaanii dhaban kurnaan ala namoota 5 irratti midhaan qaamma salphaa fi cimaa ga'ee jiras jedhaniiru.

Namoonni balichi irra ga'e lafoo sirbaa mana mucaatii gara mana misirrittiitti imalaa kan turani dhas jedhaniiru.    

Konkolaachisaan miidhaa qaqqabsiise yeroodhaf miliqus barbaadamaa jira jechuun himaniiru.    

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015