Daangaa Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti keellaawwan daldalaa afur banamuufi - ENA Afaan Oromoo
Daangaa Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti keellaawwan daldalaa afur banamuufi

Finfinnee Amajjii 7/2011 Daangaa Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti walitti dhufiinsa daldala seera qabeessa daangaarraa eegaluufi to’achuuf kellawwan daldalaa afur banuuf hojiin adda baasuu xumuruu isaa komishiniin Gumuruk beeksise.
Kellawwan banaman keessaa lamaansaanii Zaalambassaa fi Raamaatti kan argamanidha.
Sababa walitti bu’iinsa biyyoota lamaan gidduutti uumamee tureen dinagdee dabalatee walitti dhufeenyi isaanii waggoota digdamaaf guutummaatti addaan citee ture.
Dhuma waggaa darbee irratti garuu ministirri muummichaa doktor Abiyyi Ahmad Eertiraatti daawwannaa battalaa gochuun walitti dhufeenya isaanii bakka turetti deebisuuf kan dandeessisu biyyoota lamaan gidduutti waliigalteen nagaa mallatteeffameera,kanumaan walitti dhufeenyi uummatoota biyyoota lamaanii ifa ta’e.
Ta’us lammi biyyoota lamaanii gidduutti walittidhufinsi daldalaa daangaa irratti jalqabame hojmaata Gumurukiin dabalatee seera qabeessummaan akka hin tolfamneef himamaa tureera.
Kanaan walqabatee daangaan Zaalaambassaa seera gumurukii fi kan biraan walqabatee hanga sirreeffamutti jedhamee dhiyeenya kana cufamuun isaa ni yaadatama.
Kanaafuu haala kana jijjiiruun walitti dhufeenya daldalaa fi dinagdee karaa seera qabeessaa itti fufsiisuuf kan dandeessisu golgi seeraa qophaa’aa kan jiru ta’uu isaa komishiniin gumuruka Itoophiyaa hara’a beeksiseera.
Haala kanaan karaa komishinii gumuruka darbiinsa daldalaa/tiraanziitii/ pirotokoolaa kan qophaa ‘e yoo ta’u sanadichis ministeera haaja alaattiin kan hoogganamu koree biyyoolessaatti dhiyaachuu isaa komishinichatti itti aanaa seera kabachiisaa komishinaraa obbo Mulugeetaa Bayyanaa Tajaajila Oduu Itoophiyaaf ibsaniiru.
Pirotokoolin darbinsa daldalaa /tiraanziitii/ yeroo dhiyootti akka biyyattiitti ragga’ee hojiirra nii oola jedhamee ni eegama.
Haala pirotokoolichaan biyyoota lamaan gidduutti sochii meeshawwan galii fi ba’ii ta’an to’achuuf kan dandeessisu kellawwan darbiinsa daldalaa afur daangaa biyyoota lamaanii gidduutti banuuf qophiin xumurameera.
Kellawwan banaman arfan keessaa Raamaa fi Zaalaambassaa isaan tokko.
Akka ibsa itti aanaa komishinara Mulugeetaatti daangaa biyyoota lamaanii gidduutti kellawwan banaman arfanuu yeroof yoo ta’an bal’ina sochii daldalichaa fi seermalummaa to’achuuf akka mijeenya isaatti kellawwan dabalataa ni banamu.
Kellawwan banaman afran kun lojistikaa fi humna namaa barbaachisoo ta’an ramaduun xumuruu isaa itti aanaan komishinarichaa ibsaniiru.
Quunnamtii dinagdee biyyoota lamaanii cimsuuf komishiniin gumurukaa Mitsuwwaa fi Asabitti biiroo akka banu eeraniiru.
Karaa biroo haala dinagdee biyyattii irratti rakkoo geessisaa kan jiru sochii daldala seermalummaa to’achuuf kellawwan duraanii irratti hojiin foyya’iinsaa hojjetamuu isaa komishinar Mulugeetaan himaniiru.
Itoophiyaa keessa kellawwan to’annoo 55 kan jiran yoo ta’u, sababa babal’ina daandiiwwanii fi banamuu toora daldalaa haaraatiin keellaawwan hin malle kaasuu fi haaraa banuun hojjetamaa jira.
Buufataalee Jibutii akka daldala bahuu fi galuutti kan fayyadamtu Itoophiyaan,yeroo ammaa buufatoota Eertiraas fayyadamuuf qophiirra jirti.
Kana si’achiisuufisKomishiniin gumuruuka Itoophiyaa Mitsiwwaa fi Asabitti biiroo lama ni bana jedhaniiru.