Aanaa Bachootti Shukkaarri seeraan ala imalaa ture qabame

Ambo Amajji 7/2011 Magaalaa Finfinnee irraa gara Jimmaatti seeraan ala fe’amee imalaa kan

ture Shukkaarri kuntaalli shantamii shan godina Shawaa kibba lixaa Aanaa Bachoo gandaBaatuu Cirrachaatti qabamuu isaa poolisiin beeksise.

Shukkaarichi kan qabame sakatta’iinsa tasaa poolisiin taasiseeni.

Itti gaafatamaan diviiziyoonii komonikeeshinii qajeelcha poolisii aanaa Baachoo Saajin

Tasfaayee Hambisaa Tajaajila Oduu Itoophiyaaf akka ibsanitti, Shukkaarichi kaleessa naannoo

halkan walakkaa konkolaataa fe’insaa “FSR”lakkoofsi gabatee isaa koodii 3-33164 A.A ta’een

fe’amee deemaa osoo jiruu qabame kun qarshii kuma 140 olitti tilmaamama.

Shukkaaricha dhoksaan dabarsuuf kan yaalame konkolaaticha irratti jeessoo irra aansuun fe’uun ta’uu isaa kan eeran saajin Tasfaayeen, konkolaaticha qabuun seeratti dhiyeessuuf sakatta’insa taasisaa akka jiru beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015