Jaappaan Guddina Afriikaaf Deeggarsa Taasistu Itti Fufti --- Ministira Muummee Jaappaan

Hagayya 22/2011(TOI) - Fooramiin misoomaa Jaappaan-Afriikaa(Tiikaad) Yookahaamaatti mata duree "Misooma Afriikaa humna namaa, teeknooloojii, kalaqaan tarkaanfachiisuu" jedhuun adeemsifamaa jira.

Waltajjicha haasaan kan banan Ministirri Muummee Jaappaan Shiinzoo Aabeen, Jaappaan guddina Afrikaaf deeggarsa taasistu itti fufti jedhan.

Afriikaatti invastimantiin Jaappaan Doolaara biiliyoona 20 oltti guddateeras jedhan.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad fooramicharratti haasaa taasisaniin, Itiyoophiyaan invastimantii guddisuuf gufuulee mudachaa turaniifi mudachuu malan furaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojimaatonni gufuu turan riifoormii gaggeeffameen furamuu kaasaniiru.

Dhaabbilee jajjaboo gariin yookiin guutummaan dhuunfaaf dabarsuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru Doktar Abiyyi.
Invastimantii kallattii alaa cimsuun abbootii qabeenyaa hawachuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Qindoomina mootummaa fi dhuunfaa invastimantii jajjabeessuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Koonfarasiin idil addunyaa misooma Afriikaarratti mari'atu kun kan eegalame bara Faranjootaa 1993 ture.
Koonfaransichi carraaqqii Afriikaan hiyyummaa keessaa ba'uuf taasistu kan deeggaruudha jechuun kan gabaase BDhKMNOti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015