Lammiilee laga Awaashin marfamaniif deeggarsi hilikooftaraan dhiyaachaa jira

54

Finfinnee (TOI), Hagayya 16/2011 Lammiilee laga Awaashin marfamaniif deeggarsi hilikooftaraan dhiyaachaa jira.  

Shawaa Kibba Lixaa aanaa Iluutti guuta laga Awaashin lammiilee marfamaniif deeggarsi dhiyaachaa jiraachuun ibsame.

Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin ta'uun deeggarsichi hilikooftaraan dhiyaachaa jiras jedhameera.  

Haaluma wal faakkaatun Hagayya 14 bara 2011 bidiruu lamaan; aannan kaartoonii 132, biskuta kaartoonii 132, agoobaraa fi qoricha adda addaa akka dhiyaates ibsamee jira.

Lagichi naannoo Awaash Bal’ootti guutuun dhangala’ee jiraattota naannichaa irratti rakkoo qaqqabsiiseera.

Lolaa kanaan lafti heektaarri 1,800 ol bishaanin uwwifameera jechuun kan gabaase Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015