Sosochiin Tajaajila Lammummaa Dubartootaa Naannoo Oromiyaa Iddoo Garaagaraatti Geggeeffamuu Eegaleera

73

Finfinnee Hagayya 10/2011 /TOI/ Sosochiin tajaajila lammummaa dubartootaa naannoo Oromiyaa Magaaloota, Godinootaa fi aanaawaan garaa garaa keessaatti biqiltuu dhaabuun,  dhiiga arjoomuu fi harka qalleeyyiif meeshaalee barnootaa deeggarsaan kennuun gaggeeffamu eegaleera.

Magaalaa Dukamitti Sosochii tajaajila lammummaa taasifameen birrii miiliyoona walakkaa oliin barattoota harka qalleeyyiif deeggarsi meeshaalee barnootaa adda addaa taasifameera.

Biqiltuun kuma 4 ol kan dhaabbate yoo ta’u, dhiiga arjoomuuniis hojii tajaajila lammummaa dubartootaan gaggeeffamee jira.

Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Diiduutti dubartoonni hojii kenna tajaajila lammummaa mooraa mana barumsaa qulqulleesuuniis hirmaachuu eegalaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Roobeetti dubartoonni magaalaa Roobee sochii hojii tajaajila lammummaa irratti hirmaachuun deeggarsa gara garaa barattoota harka qalleeyyiif taasisaniiru.  

Haaluma kanaan dubartoota harka qalleeyyii ta'aniif deeggarsa dabtaraa, saamunaa, uffata meeshaalee qulqullinaa gumaachanii jiru.

Haaluma wal fakkaatun Bulchiinsa Magaalaa Sulultaatti Dubartoonni magaalaa Sulultaa gahee tajaajila lamummaa irraa eggamu bahuuf guyyaa har’aa gamtaadhaan bahuun magaalaa qulqulleessuu fi biqiltuu dhaabate kunuunsaaniiru.  

Hojiin tajaajila lammummaa dubartootaan geggeeffamu kunis Magaalaa Beddellee fi aanaalee godinichaa hunda keessatti dammaqinaan eegalameera.

Sagantaa tajaajila lammummaa kanarratti deeggarsa adda addaa, arjoommii dhiigaa, mana dadhabaa ijaaruun, biqltuu dhaabuu, hojiin qulqullina naannoo hojjetamaa jira.

Karaa biraan immoo duula sosochii dubartootaa kanaan qulqullinaa fi arjooma dhiigaa Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffameera.   

Sochii hawaas dinagdee keessatti yoo tole kan fayyadaman badu dursee kan miidhamu dubartoota, kanaaf nu adda duree taanee qooda keenya bahachuu qabna jedhan dubartoonni hojii Tajaajila lammummaarratti hirmaatan.

Sosochiin tajaajila lammummaa dubartootaa  kun naannoo Oromiyaa Godina Shawaa bahaa aanaa Lumee, Gujii lixaa, Godina Arsii, godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo fi iddoo garaagaraatti gaggeeffamaa jira jechun Biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaatu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015