Atileetonni Itoophiyaa fiigicha daandiirraa Ispeen vaaleenshiyaatti taasifameen mo’atan - ENA Afaan Oromoo
Atileetonni Itoophiyaa fiigicha daandiirraa Ispeen vaaleenshiyaatti taasifameen mo’atan
Finfnnee Amajjii 6/2011 Atileetonni Itoophiyaa fiigicha daandiirraa kiiloomeetira kudhan magaalaa Ispeen vaalenshiyaatti taasifameen koorniyaa lamaanuu mo’ataniiru.
Dorgommii dubartoota gidduutti godhameen atileet Tsahaay Gammachuu daqiiqaa 30 fi sakondii 15niin xumuruudhaan sa'aatii fooyya'aa dhuunfaa ishee galmeessuun mo’atteetti.
Atileetii keeniyaa Giloorii Kiit daqiiqaa 30fi sakondii 26n galuun lammaffaa kan baate yoo ta’u, atileetoonni lamaanuu hanga xumura dorgommichaatti falmii dinqisiisaa gochuu isaanii federeeshinoonni atileetiksii addunyaa weebsaayitii isaanii irratti ibsaniiru.
Atileetii keeniyaa biraan Ivaalin Chercher daqiiqaa 30 fi sakondii 46n sadarkaa sadaffaa qabachuun xumurteetti.
Dhiiraan atileetoonni Itoophiyaa atileet Caalaa Raggaasaa daqiiqaa 27 fi sakondii 23n galuun sa’aatii dhuunfaa isaa sakondii 29n fooyyessuun mo’ateera.
Atileetii Ugaandaa Isteefen Kiisaa immoo daqiiqaa 27 fi sakondii 26n sadarkaa sadaffaa qabateera.
Dhiiraan sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaa qabatanii kan xumuran sa’aatii isaan itti galan walitti dhiyoo ta’uun isaa dorgommicharratti hanga xumuraatti falmii cimaa akka godhan kan agarsiisudha.
Atileetonni Itoophiyaa Baatisefaa Geetaahuunii fi Abbaayinaa Gadduu duraa duubaan sadarkaa arfaffaa fi torbaffaa qabachuun xumuraniiru.
Yeroo dorgommichaa haalli qilleensaa digirii seentigireedii 6 kan turee yoo ta’u, kunis kan eegamee ol qorraa akka ture ibsameera.
Fiigichi daandiirraa kiilomeetira 10 Ispeen vaaleenshiyaatti godhame Waldaa Federeeshinoota atileetiksii guutuu addunyaatiin damee dorgommii sadarkaan nahaasii itti kennamedha.
Karaa biraa immoo kaleessa dorgommii qaxxaamura biyyaa Huwaan muweerzaa Ispeen Eelgoyibaaritti godhameen Dhiirotaan kiilomeetira 10 tuqaa 8 tiin atileetii Itoophiyaa Salamoon Baaraggaa daqiiqaa 32 fi sakondii 27n galuun sadarkaa lammaffaa argateera.
Atileetii Keeniyaa umurii waggaa 19 Rooneks Kiipiruutoo daqiiqaa 32 fi sakondii 5niin yoo mo’atu, atileetii Keeniyaa biroon Staanlii weeyitihakaa daqiiqaa 32fi sakondii 54n sadarkaa sadaffaa qabachuun xumureera.
Dubartootaan dorgommii kiilomeetira 7 tuqaa 6 atileetii Keeniyaa Helen Obirii daqiiqaa 24 fi sakondii 39tiin yoo mo’attu, atileetii Ugaandaa Isteelaa Chesange daqiiqaa 24 fi sakondii 59n sadarkaa lammaffaa qabachuun xumurteetti.
Atileetii Keeniyaa biraan Biiteriis Chepikoech daqiiqaa 25 fi sakondii 16n sadarkaa sadaffaa qabachuun xumurteetti.
Eeyyama Waldaa Federeeshinoota addunyaatiin kan taasifamu dorgommii fiigicha giddugaleessaa qaxxaamura biyyaa Huwan muwerza yaadannoo lammii Ispeen Huwaan muwerzaatiifidha.