Tiraamp Dhimma Hong Koongirratti Pirezidantii Chaayinaa Dubbisuu Akka Barbaadan Ibsan

47

Hagayya  9/2011(TOI) – Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp Rakkoo iyaasaa Hong Koongitti mudate ilaalchisuun pirezidaantii Chaayinaa Zii Jiinpiing dhuunfaatti  dubbisuu akka barbaadan ibsan.

Mister Tiraamp tiwutariin akka ibsanitti pirezidaantiin Chaayinaa dhimma Hong Koong “karaa haala namoomaatiin akka hiikan shakkii hin qabu” jedhaniiru.

Fincila Hong Kong waa’ee daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaa waliin kan walitti hidhan mister Traamp haalli kun daldalarratti muddama itti caalchisuusaa dubbataniiru.

“Chaayinaan haasawa gochuu barbaaddus dursa garuu dhimma Hong Koong haala namoomaatiin waliin haa hiiknu” jedhu mister Tiraamp.

Mister Tiraamp Yaada kana kan kennan seera yakkamtoota dabarsee kennu mormuudhaan fincila torbee tokko ture boodadha.

Haa ta’u malee seerri kun Hong Kong caalaatti to’annoo Chaayinaa jala akka ooltu kan taasisudha jechuun qeeqamaa jira.

Seerri kun yeroof akka dhaabatu kan taasifame ta’ullee, finciltoonni gaaffii isaanii gara sochii demokiraasiitti guddisaniiru.

Hong Kong sirna  “biyya tokko bulchiinsa lama” jedhuun qaama Chaayinaa yoo taatu, kun ammoo bilisummaa bulchiinsaa caalaatti ishee gonfachiiseera jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015