Paarkii Indaastirii Adaamaatti Sheedonni 19 Hojii Jalqabuufi

69

Finfinnee Hagayya 7/2ዐ11 (TOI) Paarkii Indaastirii Adaamaatti Sheedonni 19 ji'oota shan keessatti gara hojiitti kan galan ta'uun ibsame.  

Hojii gaggeessaan Paarkii Indaastirii Adaamaa obbo Abdaalaa Gaboo Tajaajila Oduu Itiyoophiyaattif akka jedhanitti Sheedonni Mootummaan Ijaaraman 19 abbootii qabeenyaan qabamanii jiru.

Rakkoon humna ibsaa Paarkii indaastirii kana irra tures ji'a tokko dura furmaata argachuu isaas himanii jiru.

Kuubaniyoonii biyya Hindii, Chaayinaa fi Ameerikaa gara paarkii Indaastirii kanatti galaa jiraachuus dubbatanii jiru.

Yeroo ammaa abbootiin qabeenyaa Sheedoota fudhatan Maashinoota adda addaa galchaa jirus jechuun himaniiru.

Kanaafis yeroo ji'a shanii keessatti gara hojiitti kan galan ta'uu dha kan himan.

Mootummaan paarkii Indaastirii ijaaruun abbootiin qabeenyaaf kiraan kennuu fi lafa Liiziin kennuun akka ijaaraniif carraa uumuu isaas dubbatanii jiru.

Akka hojii gaggeessaan kun dubbatanitti abbootiin qabeenyaa biyya Chaayinaa lafa fudhachuun ofii isaaniif Sheedota ijaaruu irratti kan argaman ta'uus himaniiru.

Hojjettonni paarkii kanaas akka hojii isaaniitti qofa cimaniif manni jireenyaa abbootii qabeenyaa biyya alaa fi keessaan ni ijaaramas jedhaniiru.

Paarkiin Indaastirii Adaamaa daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuuttitti dhiyaate jiraachuun isaa abbootii qabeenyaan akka filatamus sababa guddaa ta'ee jiras jedhaniiru.

Itiyoophiyaan waggaa tokkotti oomisha Tooni miiliyoona 12 gara biyya keessaatti kan galchitu yoo ta'u, oomisha tooni 3 immoo gara alaatti kan baastu ta'uun ni beekama.

Oomisha gara biyyaatti galu kana keessaas dhibbeentaan 40 karaa daandii baaburaa Itiyoo-Jibuutiin akka galuuf hojjetamaa jiraachuu immoo kan himan hojii gaggeessaa daandii Itiyoo-Jibuutii kan ta'an Injiinaar Xilaahuun Saarkaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015