Jilli Hoogganaa Biiroo Qonnaa Fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaatiin Durfamu Aanaalee Godina Arsiitti Oomisha Qonnaa Daawwate

60

Hagayya 7/2011 - Jilli Hoogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabaleetiin durfamu har'a Aanaalee Godina Arsii oomisha qonnaa daawwateera.

Jilli kun Oomisha Arfaasaa Aanaa Gunaatti kilaastaraan misoome daawwateera.

Aanaa Gunaatti lafti hektaara kuma 14 ol rooba Arfaasaatiin qamadii fi Garbuun misoome yoo ta’u,  kana keessaa lafa hektaara kuma 1 fi 300 kilaastaraan faca'e keessaa kilaastarri Qamadii hektaara 10.5 ganda Nagalleetti argamu jila kanaan daawwatameera.

Daawwannaa kanarratti hoggantoota olaanoo naannoo fi godinichaa dabalatee qonnaan bultoonni argamaniiru.

Daawwannichi aanaalee Godinichaa qonni ammayyaa itti babal'ate keessatti kan itti fufe yoo ta’u, kaayyoon daawwannichaa qonna kilaastaraan oomishuutiin oomishaa fi oomishtummaa dabalaa dhufe babal'isuu fi jajjabeessuuf akka ta’e beekuun danda’ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015