Yunivarsiitota keessatti Dandeettii Hoggansummaa Dubartootaa Guddisuuf Hojjetamaa Jira --- Piroofeesar Hiruut Waldamaaram

71

Adaamaa Hagayya 6/2011 Dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti dandeettii hoggansummaa dubartootaa guddisuuf deeggarsi gabbisa dandeettii kennamaa akka jiru ministirri saayinsii fi barnoota olaanaa piroofeesar Hiruut Waldamaaram ibsan.

Leenjiin gabbisa dandeettii ministeerichi hoggantoota dubartoota Yunivarsiitiif qopheesse har'a magaalaa Bushooftuutti jalqabameera.

ministirri saayinsii fi barnoota olaanaa piroofeesar Hiruut Waldamaaram baniinsa leenjii kanaarratti akka dubbatanitti dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti hirmaannaan hoggantoota dubartootaa xiqqaadha.

"Yunivarsiitiiwwan mootummaa 50 biyyattiin qabdu keessatti pirezidaantiin dubartootaa tokkollee hin jirtu" jedhaniiru.

Mootummaan rakkoo kana hiikuudhaan dubartoonni dorgomtoota akka ta'an sirna haaraa diriirduudhaa kaasee tarkaanfiiwwan hedduu fudhachaa jira.

Dubartoonni kaka'umsaa fi kutannoo mataasaaniitiin ilaalchaa boodatti hafaa fi dhiibbaa ture mo'atanii ba'uu akka qaban hubachiisaniiru.

Dubartoonni barumsaan ga'umsa qabanii fi hojiisaaniitiin cimoo ta'an 21 waggaa tokko darbe keessatti Yunivarsiitiiwwan addaddaa keessatti sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti akka hogganan taasifameera" jedhaniiru.

Kana malees Yunivarsiitiiwwan sagal walitti qabaa boordii ta'uun akka hogganan taasifamuu fi miseensa maanajimantii dhaabbatichaa ta'uun akka hojjetan taasifamuu ministirittiin eeraniiru.

Dubartoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti dandeettii fi sadarkaa barumssaaniitiin qofa dorgomanii pirezidaantii Yunivarsiitii ta'anii akka hojjetan mootummaan seeraa fi hojmaata diriirsee hojiitti seenuusaa hubachiisaniiru.

"Dubartoonni miira hin dandeenyu jedhu maqsuudhaan ga'umsa horatanii argamuudhaaf of qopheessuu qabu" jedhaniiru.

Leenjii kanarratti mata duree hoggansummaa fi jijjiirama dhaabbatummaa jedhuun Sudaan kibbaa Yunivarsiitii Juubaatti gorsituun qu'annoo piroofeesar Pawuliinaa Iliyaanaa barreeffama kan dhiheessan yoo ta'u, seenaa Itiyoophiyaa keessatti dubartoonni dhiiraan wal qixa humna weerartuu qolachuudhaan daangaa biyyaa kabachiisuudhaan shoora olaanaa ba'uusaanii yaadachiisaniiru.

"Misooma biyyattii keessatti hundi ga'eesaa ba'aa jira jechuun kan danda'amu hirmaannaa fi ga'een dubartootaa dursee yoo argamedha" jedhaniiru.

Dubartoonni amala ifaa kan qabanii fi hojiidhaan cimoo ta'uurra darbee amanummaadhaanis kan wayyan waan ta'eef mootummaan dubartoota hojii jajjabeessuu fi deeggaruu cimsee itti fufuu akka qabu eeraniiru.

Leenjiin kun guyyoota shaniif kan itti fufu yoo ta'u, dubartoonni hoggantoota ta'an yunivarsiitiiwwan hundarraa hirmaachaa jiru jechuun riippoortarri TOI bakkarraa gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015