Nageenyi, Tokkummaa fi Jaalalli Itiyoophiyaatti Akka Gabbbatu Hawaasni Musliimaa Hojiin Agarsiisuu Qaba --- Mana maree Ulaamotaa

63

Finfinnee Hagayya 5/2011 (TOI) - Nageenyi, tokkummaa fi jaalalli Itiyoophiyaatti akka gabbatu hawaasni musliimaa ga'eesaa gochaan agarsiisuu akka qabu mana maree walii galaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyatti manni maree Ulaamotaa hubachiise.

Hordoftoota amantaa Islaamaa biratti ayyaanni amata Hijiraa Iid Al Adahaa waggaa kuma 1 fi 440 har'a  Istaadiyeemii Finfinneetti kabajameera.

Ayyaanni kun amantoota musliimaa biratti ayyaana aarsaa jedhamuun kan kabajamu waan t'eef hawaasni musliimaa harka qalleeyyota gargaaruun kan qabu kan hinqabneef kennuudhaan dabarsuu qaba.

Mana maree walii galaa dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaatti miseensi mana maree Ulaamotaa Sheeh Sayid Ahimad Musxafaa akka jedhanitti, Iid Al Adahaan hordoftoota amantaa Islaamaa biratti ayyaanota kabajaman gurguddoo keessaa isa lammaffaadha.

Nageenyi, jaalallii fi tokkummaan Itiyoophiyaatti akka gabbatu hawaasni musliimaa qabatamaan socho'ee qaama jijjiiramichaa ta'uu qaba jedhaniiru.

Pirezidaantiin mana maree walii galaa dhimmoota Islaamaa Finfinnee Sheeh Sulxaan Amaan IIbbaa hawaasni musliimaa guddinaa fi nageenya Itiyoophiyaarratti wal qixa hirmaachuu qaba jedhaniiru.

 "Hordoftoonni amantaa Islaamaa guddinaa fi nageenya biyyaa ta'uu hubachuudhaan akkaataa amantichi ajajuun halkanii fi guyyaa hojjechuu qaba" jedhaniiru.

Itti gaafatamaa  biiroo nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee obbo Yohaannis Mitikkuu gamasaaniitiin hawaasni musliimaa hordoftoota amantaa kanneen biroo waliin ta'uun akka hojjetu gaafataniiru.

 Nageenya, tokkummaa fi guddina Itiyoophiyaatiif hirmaannaan lammiilee hundaa murteessaa waan ta'eef hawaasni musliimaa dammaqinaan hirmaachuu qaba jedhaniiru.

"Yeroon itti aanu yeroo jaalala, yeroo harka wal qabannee gara tokkummaatti  cehuu qabnudha" jechuun ibsaiiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015