Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Amala Gaarii Fi Jaalala Biyyaa Dhaloota Dhufuuf Dabarsuu Akka Qaban Ibsame

177

Finfinnee Hagayya 4/2011 (TOI) - iseensonni raayyaa ittisa biyyaa amala gaarii fi jaalala biyyaa dhaloota dhufuuf dabarsuu qabu jedhan muummeen ministiraa doktar Abiyyi Ahimad.   

Koolleejjiin Istaafii Ajajummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI hoggansa olaanoo 100 marsaa 13ffaadhan leenjisaa ture eebbisiise.

Sirni eebbichaa har'a Waajjira Muummee Ministiraatti kan raawwatame yammuu ta'u, eebbifamtoota 100 keessaa 92 poost Istaafiin kan eebbifamanidha, 8 ammoo digirii 2ffaa isaanii kan hordofanidha.

Eebbifamtoota keessaa 21 biyyoota Afriikaa addaddaarraa, Jibuutii, Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaarraa kan walitti baba'ani dha.

Sirna kana irratti argamuun qajeelfama hojii kan dabarsan muummeen ministira doktar Abiyyi Ahimad akka jedhanitti rayyaa ittisaa ta'uun hoggansa dabalataaf kaadhimamuu dha jedhaniiru.

Dabalataanis Muummee ministiraa FDRI fi ajajaan humna waraanaa waliigalaa Doktar Abiyyi Ahimad ebbifamtootaf dippiloomaa erga laataniin booda ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, ebbifamtoonni naamusa, beekumsa loltummaa, ga'umsa ogummaa fi qophaa'ummaa olaanaan raayyaa hogganuu fi injifannoof beekumsa barnoota waggaa 1 argachuu isaanii ibsaniiru.

Rayyaan ittisa biyyaa amala gaarii fi jaalala biyyaa dhaloota dhufuuf dabarsu qabas jechuun himaniiru.

Itaamajoor shuumiin raayyaa ittisa biyyaa jeeneral Adam Mohammad gama isaaniitiin raayyaan ittisa biyyaa ergama isaa ba'achaa kan jiru dha jedhaniiru.

Rayyaan ittisa biyyaas yeroo ammaa kana Riiformii irra jira jedhaniiru.

Eebbifamtoonni guyyaa kanaas Riiformii kana galmaan ga'uuf waan isaan irraa eegamu hundaa raawwachuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015