Itiyoophiyaa Fi Jaappaan Walii Galtee Deeggarsa Maallaqaa Birrii Miiliyoona 82 Tuqaa 2 Walii Mallatteessan

67

Hagayya  3/2011 (TOI) – Itiyoophiyaa fi Jaappaan bittaa meeshaalee yaalaa fi pirojektii sagantaa misooma dinagdee fi hawaasummaa mootummaa Jaappaan raawwachiisuuf kan oolu deeggarsa maallaqaa birrii miiliyoona 82 tuqaa 2 walii mallatteessan.

Walii galtee kana da’eetaan ministira maallaqaa Admaasuu Nabbabee fi Itoophiyaatti

Obbo Admaasuun wayita kana akka jedhanitti, mootummaan tajaajila yaalaa fooyyessuuf yaalii taasisaa jiru deeggaruun kaayyoo pirojektii kanaa akka ta’e himaniiru.

Pirojektiin kun meeshaalee yaalaa tajaajila yaalaa fi barsiisuuf oolan Yuunivarsiitiiwwanii fi leenjii yaalaa kennaniif kennuuf kan kaayyeffate akka ta’eibsaniiru.

Akka ibsa da’eetaa ministirichaatti, deeggarsi Jaappaan Itiyoophiyaaf kennitu hojii misoomaa biyyattiin dursa kennituuf waliin kan wal simudha.

Itiyophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Daasukii gamasaaniitiin, Jaappaan deeggarsi itiyoophiyaaf kennitu keessaa dame fayyaaf dursa kennuushee fi deggarsi kun akka itti fufus dubbataniiru.

Mootummaan Jaappaan Itiyoophiyaatti dameelee fayyaa, qonnaa, Industirii, misooma bu’uraa, barnootaa fi kanneen biroo irratti deeggarsi taasisaa jirtu akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Daawannaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheenyatti Jaappaanitti taasisan wal ta’insa dinagdee fi hariiroo dippilomaasii gama cimsuutiin shoora qabaatus eeraniiru.

Da’etaan ministira fayyaa Dr. Sahirallaa Abdullaahii gamasaaniiiin meeshaalee fayyaa bitaman keessa kanneen akka Maayikirooskoppii, Maamoogiraafii, Indooskoppii fi meeshaalee hanqatan keessatti argamu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015