Lammiilee Deeggarsa Barbaadan Dandamachiisuuf Qindoominaan Hojjetamaa Jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa beeksise

91

Finfinnee Hagayya 02/2011 (TOI) - Lammiilee deeggarsa barbaadan dandamachiisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa beeksise.

Lammiilee balaa uumamaa fi nam tolcheen rakkoof saaxilamaniif deeggarsi barbaachisaan dhiyaachaa jiraachuusaa itti aanaan komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa obbo Garramuu Oliiqaan ibsaniiru.

Yeroo ammaa naannoo Oromiyaatti namoota miiliyoona 2.4 ta'aniif dhaabbataan deeggarsi taasifamaa jiraachuu obbo Garramuun ibsaniiru.

Buqqaatota miiliyoona 1.4 ta'aniifis deeggarsi taasifamaa jiraachuudha kan ibsan.

Buqqaatoota miiliyoona 1.4 keessaa miiliyoonni 1.1 guutummaan deebi'anii kan qubatan yoo ta'u, bakka qubatanitti hanga of danda'anitti deeggarsi ni taasifamaaf.

Oromiyaatti buufataaleen deeggarsaa 500 ta'an akka jiranii fi sadarkaa federaalaarraa kaasee hanga gandaatti mana maree hoggansa sodaa balaa dhaabbateen qulqulleessuun deeggarsi taasifamaafii jiras jedhan itti aanaan komishinarichaa.

Deeggarsi taasifamu ji'a jahaan qorannoodhaan adda baasuun walitti fufiinsaan godinaalee hunda keessatti karaa wal fakkaatuun taasifamaa jiraachuusaa itti aanaan komishinarichaa dubbataniru.

Yeroo ammaa sadarkaa naannoottis ta'e akka biyyaatti beelli akka hin jirre himaniiru.

Deeggarsa gama mootummaa fedaraalatiin taasifamaa jiruun alatti bara kana mootummaan naannoo Oromiyaa bajata ofeeggannoo Birrii miiliyoona 65 ramaduun midhaan nyaataa bitame iddoowwan hanqina nyaataaf saaxilamoo ta'anitti ofeeggannoodhaf qaqqabuusaa himaniiru.

Godinaalee tokko tokko keessatti rakkoo daandiidhaan wal qabatee harkifannaan guyyoota muraasaa darbee darbee mudachaa jiraatus, karaa qindoomina qabuun deeggasi taasifamaa jiraachusaa obbo Garramuun himaniiru jechun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii motummaa naannoo Oromiyaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015