Dhukkuba ittisuun danda’amuun du’uun akka hafu eebbifamtoonni ogummaa yaalaa cimanii akka hojjetan gaafatame

70

Adaamaa Amajjii 5/2011 Eebbifamtoonni ogummaa yaalaa dhukkuba fayyuun danda’amuun du’uun akka dhaabbatu cimanii akka hojjetan ministirri saayinsii fi barnoota olaanaa hubachiisan.

Kolleejiin saayinsii fayyaa Yunivarsiitii Asallaa ogeessota fayyaa digirii jalqabaa fi dippiloomaadhaan eebbisiise 355 eebbisiiseera.

Ministirri saayinsii fi barnoota olaanaa doctor Hiruut W/Maaram sirna eebbaa kanarratti akka hubachiisanitti, ogeessonni yaalaa dhukkuba fayyuun danda’amuun du’uun akka hafu hojjechuudhaan hawaasa fayyaansaa eegame uumuuf hirmaachuu qabu.

Hanqina gama tajaajilaa fi eegumsa fayyaatiin mul’atuun namoonni dhukkuba fayyuu danda’amuun akka du’anii fi haala yaalamanii fayyuun danda’amuun sireerratti akka hafan ibsaniiru.

Dhaabbileen barnoota olaanaa lammii ga’umsa qabuu fi dorgomaa ta’e horachuuf  hojiiwwan osoo hin hojjetamiin hafanii fi xiyyeeffannoo barbaadan hojjechuun akka barbaachisu ministirri kun hubachiisaniiru.

Diiniin kolleejii saayinsii fayyaa Yuunivarsiitii Asallaa doctor Nuwaamaa Biifaa akka jedhanitti, kolleejiin kun ogeessota eebbisiise keessaa 86 doktoroota yaalaa akka ta’an dubbataniiru.

Kan hafan oofiisara fayyaa, kilinikaal narsiingii, Miidwaayifarii fi saayinsii meedikaal laaboraatooriitiin digirii jalqabaa fi lammaffaatiin akka leenji’an eeraniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Asallaa doctor Dhugumaa Addunyaa eebifamtoonni beekumsa turtii Yuunivarsiirraa argatan muuxannoo isaanii waliin qindeessuudhaan hojii bobba’anirratti itti gaafatamasaanii ba’uu akka qaban yaadachiisaniiru.

Eebbifamtoota keessaa digirii doktora yaalaatiin qabxii olaanaa fiduudhaan meedaaliyaa warqee kan badhaafame doctor Addisuu Nadhii yaada kenneen, imaammanni fayyaa dhukkuba dursanii ittisuurratti xiyyeeffate bu’a qabeessa akka ta’u waan isarraa barbaadamu gumaachuuf qophaa’aa akka ta’e dubbateera.

Barattoota dubartootaa keessaa qabxii olaanaa fiduun kan eebifamte doctor Ayyaantuu Hordofaa gamasheetiin, beekumsa Yuunivarsiiticharraa argatte hojiirra oolchuudhaan jijjiirama fiduuf akka yaaltu dubbatteetti.  

Barumsi ogummaaYaalaa barumsa qabatamaa waan ta’eef haalli walirraa barachuu mul’achaa ture galma amma irra geesseef akka ishee gargaare dubbatteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015