Itti Aanaan Pirezidaantii Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Gaala Ilmooshee Waliin Badhaafaman - ENA Afaan Oromoo
Itti Aanaan Pirezidaantii Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Gaala Ilmooshee Waliin Badhaafaman

Finfinnee Adoolessa 29/2011 (TOI) - Itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa naannoo Somaalee irraa Gaala ilmooshii waliin badhaafaman.
Waltajjiin marii hariiroo ummataa Oromoo fi Somaalee kaleessa magaalaa Jigjigaatti jalqabame har’as godina Jerer magaalaa Dagahabuuritti itti fufeera.
Jilli pirezidaantii itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu itti aanaa pirezidaantii naannoo Somaalee Musxafee Mahaammad waliin Dagahabuur wayita galan jiraattonni magaalaattii fi naannawashee simannaa taasisaniiruuf.
Waltajjii kanarratti Gaalli ilmooshee waliin pirezidaantii itti aanaa Shimallisiif kan kenname yoo ta’u, akkaataa Gaala Hoosisuun/elmuun itti danda’amu barumsi kennameeraaf.
Kana malees pirezidaantii itti aanaan lamaanuu Dagahabuuritti Biqiltuu dhaabaniiru.
Wayituma kana obbo Shimallis akka jedhanitti qabsoon hedduun kan itti taasifamee fi ummanni qabsaawaan kan keessa jiraatu Dagahabuuritti argamuusaaniitti gammaduusaanii ibsanii, magaalaa Dagahaabuur magaalaa Oromiyaa qabsoon wal fakkaataa keessatti adeemsifamu waliin walitti akka hidhatan ni taasifna jedhaniiru.
"Bilisummaan Adeemsa" kan jedhan obbo shimallis, "bilisummaan argame lafa akka qabatu wal harkaa fuudhinsa dhalootaatiin hojjechuutu barbaachisa" jedhaniiru.
Ummattoonni lamaan qooqa, amantaa, aadaa fi jireenya hawaasummaatiin kan wal fakkaatan ummata tokkodhas jedhaniiru pirezidaantiin itti aanaa Shimallis.
Barumsa qulqullina qaburratti cimnee hojjennee sadarkaa federaalaatti bakka bu'ummaan qixa ta'e akka jiraatu qabsaa'uu qabna jechuun dubbataniiru.
Obbo Shimallis itti fufuudhaan saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni hundi obbolaasaa Oromoo waliin ta'uun biyya ijaaruuf akka hojjetus waamicha dhiheessaniiru.
Waltajjii hariiroo ummataa naannolee lamaanii Adaamaa ture irratti obbo Musxafee Mahaammad eeboo fi gaachanni kennameefii akka ture ni yaadatama.