Ilmi Osaamaa Biin Laadan, Hamzaa Biin Laadan Du’e - ENA Afaan Oromoo
Ilmi Osaamaa Biin Laadan, Hamzaa Biin Laadan Du’e
Adoolessa 25/2011 /TOI/ Ilmi hundeessaa al-Qaa'idaa Osaamaa Biin Laadan, Hamzaa Biin Laadan du'uu aanga'otni tikaa US himan.
Hamzaa Biin Laadan eessaa fi yoom akka du'e waanti ifatti dubbatame hin jiru.
Baatii Guraandhalaa keessa mootummaan US odeeffannoo eessa buutee nama kanaa himuuf doolaara miiliyoona tokko ramaddee turte.
Hamzaa Biin Laadan nama ganna 30 akka tahu kan tilmaamamu yoo tahu viidiyoo fi sagaleedhaan US fi biyyoota biroorratti waamicha haleellaa raawwachuu taasisaa ture jedhameera.
Prezidaantiin Ameerikaa Donaald Traamp dhimma kanarratti waayyuu hin jenne.
Hamzaa Biin Laadan jihaadistoonni du'a abbaasaa bara 2011tti Paakistaan keessatti raawwate akka haaloo bahan jajabeessaa ture.
Biyyooti Arabaas akka fincilaniif waamicha taasisaa ture.
Saa'ud Arabiyaan baatii Bitootessaa keessa lamummaasaa haqxeetti.
Iraan keessatti adabbii socho'uu (house arrest) jala jira jedhamee haa amanamuyyuu malee, gabaasotni biroon immoo Afgaanistaan, Paakistaanii fi Siiriyaa jira jedhu.
Ameerikaan bara 2011tti abbaasaa, Abbottabad Paakistaanitti haleellaa tasaan kan ajjeeste yoo tahu, Hamzaa Biin Laadan hoggantummaa al-Qaa'idaaf akka qophaa'aa jiru himtee turte.