Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Daarektara Hojii Raawwachiisaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Waliin Mari’atan

60

Adoolessa 19/2011 (TOI) - Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Daarektara hojii raawwachiisaa sagantaa nyaata addunyaa Deeviid Besleeyi waliin waajjira isaaniitti mari’atan.

Mariin isaanii kunis kan dhaabbatichi deeggarsa Itiyoophiyaaf taasisu haala cimsuun itti danda’amurratti kan xiyyeeffatedha.

Dhaabbanni nyaata addunyaa wabii nyaataa, dhimma nyaataa, raawwii jijjiirama haala qilleensaa fi dhimmoota wal fakkaatanirratti xiyyeeffateetu hojjeta.

Marii isaanii kana boodas daarektarri hojii raawwachiisichi ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad waliin ta’uun biqiltuu dhaabaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015