Godinaalee Wallagaa Lamaanitii Biqiltuun Bunaa Miiliyoona 298 Ol Dhaabame

94

Naqamtee Adoolessa 18/2011 (TOI) - Baatiiwwan Ganna kanaatti godinaalee Qeella Wallaggaa fi Wallagga Bahaatti biqiltuun bunaa miiliyoona 298 ol dhaabamuusaa waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa ibsan.

Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godina Qeellam Wallaggaa obbo Olbiraayit Hundessaa akka ibsanitti oomishtummaa bunaa qonnaan bulaa guddisuuf biqiltuuwwan bunaa jiddu galeessota qorannoo qonnaa irraa ba’anii fi dhukkuba dandamachuu danda’an miiliyoona 200 dhaabbiif qophaa’anii ture.

Amma ammaatti biqiltuuwwan bunaa miiliyoona 199 fi kuma 597 fi 478 lafa heektaara kuma 31 fi 141 iirra dhaabamaniiru.

Qonnaan bultoonni godinichaa kuma 97 fi 994 hojii misooma bunaa kana irratti kan hirmaatan yoo ta’u, sanyiiwwan bunaa haaraan kunneen godinichatti jiddu galeessaan oomisha bunaa lafa heektaara tokko irraa argamu kuntaala 6 tuqaa 6 irraa gara kuntaala 7 tuqaa 7tti guddisuuf kan dandeessisudha jedhaniiru.

Waggaa darbe godinichatti biqiltuuwwan bunaa dhaabaman miiliyoona 230 tuqaa 5 keessaa miiliyoonni 100 tuqaa 6 qabachuusaanii itti aanaan itti gaafatamaa kun himaniiru.

Godinichatti jiraataa aanaa Gidaamii ganda qonnaan bulaa 02 kan ta’an qonnaan bulaan Alamaayyoo Eerregaa yaada kennaniin, oomisha bunaa dabaluuf ganna baranaa kana amma ammaatti biqiltuu bunaa filatamaa kuma 2 dhaabuusaanii ibsaniiru.

Lafa bunaa heektaara afur qaban sanyii bunaa haaraadhaan bakka buusaa akka jiran ibsanii, biqiltuuwwan hunda paakeejiidhaan kunuunsanii guddisuuf yaalii taasisaa akka jiran dubbataniiru.

Aanaa Gidaamii kan jiraatan qonnaan bulaan Ragga’aa Atoomsaa gamasaaniitiin biqiltuu bunaa sanyii filatamaa kuma 12 qopheessanii kana keessaa kuma lama biqiltuu bunaa kuma lama ofiif dhaabanii kuma 8 gabaaf dhiheessuun galii birrii kuma 16 argachuusaanii beeksisaniiru.

Waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godina Wallagga Bahaatti qajeelchaan garee misooma bunaa obbo Asaffaa Mokonnin akka ibsanitti, baatii Waxabajjii darbee kaasee amma ammaatti aanaalee godinichaa 17 keessatti biqiltuun bunaa miiliyoona 98 fi kuma 731 fi 46 lafa heektaara kuma 21 fi 685 irra dhaabamuusaa qajeelchaan garee kun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015