Haleellaa Boombii Al-Shabaab Moqaadishootti Raawwateen namoonni 7 du’an - ENA Afaan Oromoo
Haleellaa Boombii Al-Shabaab Moqaadishootti Raawwateen namoonni 7 du’an
55
(TOI) Adoolessa 15/2011 Ganama har’a magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti haleellaa boombii raawwatameef gareen dhaabbata shororkeessaa Al-Shabaab itti gaafatama fudhateera.
Balbala hoteela magaalaa Moqaadishoo dhiheenya buufata xiyyaaraatti argamutti boombii konkolaataarratti hidhameen haleellaa qaqqabeen namoonni 7 du’uusaanii fi namoonni 27 miidhamuusaanii itti gaafatamtoonni dhaabbilee fayyaa dubbataniiru.
Reeffi namoota 7 fi namoonni miidhaan irra ga’e 27 yaalaaf gara hoospitaala magaalattii Madiinaatti akka ergaman narsiin dhaabbatichaa Nuuraa Hasan dubbataniiru.
Kanneen miidhaman keessaa 17 haala yaaddessaarra jiru jechuun ‘CGTN’ gabaaseera.