Labsichi Humna Namaa Bittime Gurmeessuudhaan Qindoominaan Misoomaa Fi Guddina Biyyaaf Akka Oolu Ni Dandeessisa

50

Naqamte (TOI) Adoolessa  13 / 2011 Labsiin tajaajila lammummaa humna namaa bittime gurmeessuudhaan qindoominaan  guddina naannoo fi biyyaaf  akka oolu kan taasisudha jechuun dargaggoonni gonina Horro Guduruu Wallaggaa ibsan.

Labsii mootumaan naannoo Oromiyaa baaserratti magaalaa Shaambuutti mariin adeemsifameera.

Hirmaattonni wayita kana akka jedhanitti labsiin kun humna namaa karaa bu'a qabeessa ta'een hojiirra oolchuuf ni dandeessisa amantaa jedhu uumeeraaf.

Jiraataan aanaa Horro Guduruu kan ta'e dargaggoo Mahaammad Hasan akka jedhetti labsiin kun lammiileen tokkummaasaanii cimsanii akka socho'an akka taasisu dubbateera.

Magaalaa Shaambuu kan jiraatan adde Yashii Waaqjiraa gamasaaniitiin labsiin kun kutaaleen hawaasaa hundi gumaacha haala itti taasisan ni uuma jedhaniiru.

Hawaasni tokkummaasaa cimsee hubannoo wal fakkaataa qabatee guddina biyyasaaf hojjechuuf akka isa dandeessisu ibsaniiru.

Dargaggoo Tamasgeen Gabuush labsiin kun lammiileen abbaa biyyaa waliinii ta'uusaanii kan mirkaneessu ta'uurra darbee, dargaggoonni adda durummaan akka hirmaatan akka taasisu beeksiseera.

Bulchaan godina Horro Guduruu Wallaggaa obbo Jabaa Addunyaa labsiin kun lammiileen umuriin, saalaan, sadarkaa barnootaan osoo adda hin ba'iin hojiilee fedhiirratti hundaa'e irratti hirmaachuuf akka isaan dandeessisu ibsaniiru.

Lammiileen nageenyaaf waardiyyaa dhaabbachuu akka qabanii fi wabiin nageenyasaanii isaanumti mirkaneessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Itti gaafatamaan biiroo teekiniikaa, ogummaa fi leenjii Oromiyaa obbo eebbaa Garbaa labsichi lammiin mirgaa fi dirqamasaa hubatee guddina dinagdee biyyaa keessatti gumaacha akka taasisu isa gargaara jedhaniiru.

Magaalaa Shaambuu fi aanaalee baadiyyaa irraa kan walitti baba'an dargaggoonni kuma 560 marii kanarratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015