Manni Murtii Walii Galaa Oromiya Bu’aawwan Yeroo Giddugaleessaa Keessatti Bira Ga’uuf Karoorse Ifa Taasise - ENA Afaan Oromoo
Manni Murtii Walii Galaa Oromiya Bu’aawwan Yeroo Giddugaleessaa Keessatti Bira Ga’uuf Karoorse Ifa Taasise

Adaamaa Adoolessa 8/2011 Manni murtii waliigalaa Oromiyaa waggoota 5-10 bira ga’uuf kan karoorse qabxiiwwan 4 karoorsuusaa pirezidaantiin mana murtii waliigalaa Oromiyaa obbo Dasaa Bulchaa beeksian.
Pirezidaantichi yaa’ii Caffee 10ffaa irratti karoora fuula duraa wayita dhiheessanitti akka jedhanitti, Yeroo giddu galeessaa keessatti qulqullina tajaajila abbaa seerummaa dabaluu, bilisummaa, itti Gaafatamummaa fi iftoomina, dhaqqabummaa, si’oominaafi bu’a qabeessummaa manneen murtii fi tajaajila abbaa seerummaa, gaarummaa bulchiinsa keessoo fi dandeettii manneen murtii cimsuu kanneen jedhaman ta’uu beeksisaniiru.
Karoorichi manneen murtii cimoo, bilisaa fi gartu-maleessa ta’an ijaaruu fi amantaa ummataa horachuun waggoota 5-10 jidduutti bira gahamuu kan danda’amudha.
Caffeen Olmaasaa guyyaa lammaffaatiin Gabaasa raawwii hojii bara 2011 fi kallattii hojii bara 2012 Mana Murtii Waliigala Oromiyaa dhaggeeffachuun erga irratti mar’ateen booda sagalee guutuun mirkaneesseera.
Qulqullina Tajaajila Abbaa seerummaa fooyyessuuf hojii hojjetameen Labsii Manneen Murtii Oromiyaa lakk. 216/2011 fi Labsii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa lakk. 217/2011 fooyya’ee hojiirra oolan haala kana dura ta’ee hin beekneen Manneen Murtii bifa haaraan akka gurmaa’aniifi sadarklaaan qulqullina tajaajiala abbaa seerummaa ol dabaluun haala dandeessisuun bocamanii kan labsaman ta’uu gabaasichi akka fakkeenyaatti kaaseera.
Manneen murtii sadarkaa jiran irra deebiin akka haaraatti akka gurmaa’an ta’eera. Aangoon Abbaa seerummaa fi kan bulchiinsaa gara mana murtii Olaanaatti kuufamee ture gara manneen murtii jalaatti akka gadi bu’uu fi dhimmoonni baay’een gara jalaatti xumura argatan godhameera.
Sini Ol iyyannoo akka bal’atu, gurmaa’innii fi iftoominni dhadhachaa akka sirratu, moggaasni dhadhachaa dhimmoota muraasarraan kan hafe sadrkaa hundattuu abbootii seeraa sadiin akka ta’u, akkasumas sirna deggarsa seeraa namoota harka qalleeyyii ta’an akka cimu taasifamuuins hojii ijoo bara kana keessa raawwatamanidha.
Gabaasa dhihaaterratti gaafiifi yaada miseensota Caffeerraa ka’erratti deebiin keennamee gabaasichii fi kallattiin hojii bara itti aanuu sagalee guutuun mirkanaa’eera. Hanqinoonni ammas jiran maqsuuf karoora keessa galee kan irratti hojjetamu ta’uu Pirzidaantiin Mana Mutichaa Obbo Dasaa Bulchaa ibsaniiru.