Galii Biyyattiin Maddisiiftuun Wal Cinaa Yoo Ilaalamu Kan Sassaabamu Ga’aa miti

80

(TOI) Adoolessa 5/2011- Galii dinagdeen Itiyoophiyaa maddisiisu waliin wal cinaa yoo ilaalamu galiin bara bajataa 2011 sassaabame ga’aa akka hin taane ministirri galiiwwanii adde Adaanech Abeebee ibsan.

Ministirirttiin har’a ogeessota miidiyaaf ibsa kennaniin akka ibsanitti, galiii waggoota darban sassaabame waliin yoo madaalamu galiin fooya’aa ta’e akka sassaabame dubbataniiru.

Ministeerichi bara bajataa kanatti birrii biiliyoona 213 akka sassaabu manni mare bakka bu’oota ummataa kallattii kan kaa’e ta’us dhaabbatichi birrii biiliyoona 241sassaabuuf karoorsee hojjechaa tureera.

Kana keesaa galii birrii biiliyoona 198 tuqaa 2 sassaabuudhaan karoorasaa dhibbantaa 80 milkeessuu akka danda’e adde Adaanechi dubbataniiru.

Raawwiin kun ulaagaa galiitiin yoo ilaalamu kan waggoota darbaniirra fooyya’aa akka ta;e eeraniiru.

Galiin sassaabame kun kan bara 2010 waliin yoo ilaalamu birrii biiliyoona 22n caalmaa qaba.

Haalli galiin itti sassaabamu fooyya’aa akka dhuee fi bara bajataa 2011 galii fooyya’aa sassaabuun akka danda’ame ministirri kun eeranii, haa ta’u malee galiin sassaabame kun madda galii biyyattiin maddisiiftu waliin wal cinaa yoo ilaalau ga’aa akka hin taane ibsaniiru.

Ministeerichi hudhaalee galii sassaabuuf mudachaa turan fooyyessuuf hojiiwwan kanneen akka  hojmaata fooyyessuu, iyyannoowwan taaksiif deebii hatattamaa kennuu, seera fooyyessuu akkasuas kafaltoota gibiraa hanqinni maallaqaa mudateef sirna kafaltii yeroo dheeraa diriirsuun galiin bara 2011 sassaabame fooyyee akka qabaatu taasisaniiru.

Sosochiin taaksii bara bajatichaatti taasifames garaagarummaa kafaltootaa jidduu jiru dhiphisuudhaan waliin hojjechuuf haala mijataa kan uume ta’uus ibsaniiru.

Rakkoo Gibira dhoksuu quunnamaa jiru hambisuuf barsiisuu cinaatti hojiin seera kabachiisuu raawwatamuusaas adde Adaanechi ibsaniiru.

Gama biraatiin dhaabbileen 231 irratti oppireeshiniin taaksii dabalataa adeemsifamee rakkoon waan irratti argameef shakkamtoonni 306 to’annoo jala oolanii birrii biiliyoona 11 ol adabamuusaanii himaniiru.

Bara bajataa 2012 birrii biiliyoona 248 sassaabamuuf karoorfamuusaa adde Adaanech ibsaniiru.

Kana keesaa taaksii biyya keessaarraa birrii biiliyoona 150 tuqaa 1, Gumurukirraammoo birrii biiliyoona 98 tuqaa 2 sassaabuuf karoorfameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015