Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Hojiiwwan Misoomaa Naannawa Daangaa Itiyoophiyaa Fi Keeniyaa Dinqisiifachuunsaa Ibsame

50

(TOI) Adoolessa 5/2011 Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii hojiiwwan misoomaa naannawa daangaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaa dinqisiifachuusaa ministeerri dhimma biyya alaa ibse.

Ministeerichi TOIf ibsa ergeen akka beeksisetti, mootummoonni Itiyoophiyaa fi Keeniyaa misoomni naannawa daangaaatti adeemsisaa jiran kanneen biroof fakkeenya kan ta’udha.

Barreessaan olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez balaawwan shororkeesummaa fi dhaadhessummaa ilaalchisuun Adoolessa 3 fi 4 bara 2011 wal ga’ii idil addunyaa Naayiroobiitti adeemsifamerratti haasawa taasisaniin akka ibsanitti, misoomni naannawa daangaa kun walitti bu’iinsa dhabamsiisuuf faayidaa qaba.

Sochiin misoomaa kun walitti bu’iinsa daangaa hir’isuurra darbee dhaadhessummaa ittisuuf akka gargaarus ibsaniiru.

Keeniyaatti Ambaasaaddarri RDFI Ambaasaaddar Mallas Alam erga jalqabamee waggaa afur kan lakkoofsise misoomni daangaa cehu walitti bu’iinsi jiraattota naannawa daangaa jidduutti mul’atu akka hir’atu taasiseera jedhan.

Ambaasaaddar Mallas akka jedhanitti shororkeessummaa fi dhaadhessummaa waraanaan qofa ittisuun hin danda’amu, hiyyummaa hir’isuu, loogummaa dhaabsisuu, barumsa babal’isuu fi tarkaanfiiwwan addaddaa fudhachuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Anga’oonni biyyoota 100 ol irraa bakka bu’an wal ga’ii Naayiroobii kanarratti hirmaataniiru.

Itiyoophiyaa fi Keeniyaan dhimmoota Siyaasa fi dinagdee dabalatee dameewwan wal ta’insaa guddinaa fi badhaadhina biyyoota lamaanii si’achiisuu danda’an irratti hariiroo qaban caalaatti cimsuuf waggaa darbe walii galuunsaanii ni yaadatama.

Ministirri muummee RDFI Dr. Abiyyi Ahimad wayita gara aangootti dhufan guyyoota lamaaf Keeniyaa wayita daawwatanitti hoggantoonni lamaan ibsa waliinii baasaniin, dame misooma qonnaa,  invastimantii, tiraanispoortii, tuurizimii, dhimmoota loltuu  akkasumas shororkeessummaa ittisuuf waliin hojjechuuf walii galaniiru.

 Daandiin Asiiyoloo- Moyyaalee Finfinnee deemu akkasumas daandii Baaburaa Naayiroobii ka’ee Finfinnee deemu diriirsuuf akkasumas pirojektiin daandii Laamuu –Gaarisaa-Ayisoyooloon fi pirojektii daandii Mooyaalee-Hawaasaa- Finfinnee waliin to’achuu fi hordofuuf walii galuunsaanii ni yaadatama.

Mootummaan Keeniyaa Itiyoophiyaan Buufata Laamuutti haala lafa itti argattu mijeessuuf waadaa kan gale yoo ta’u, mootummaan Itiyoophiyaas lafa argaturratti meeshaalee loojestiiksiif oolan kan misoomsu ta’uu mirkaneesseera.

Pirojektiin kun daangaa biyyoota lamaanii kan taate Mooyyaaleen “magaalaa waliinii fi handhuura dinagdee” taasisuuf walii galuunsaanii mootummooa lamaan jidduutti walitti dhufeenya gama lamaanii kan cimsu akka ta’e ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015