Naannoo Harariitti Dameen Turiizimii Hoo’aa dhufeera

62

Hararii Adoolessa 4/2011 naannoo Harariitti dameen turiizimii qabbanaa’ee ture hoo’aa waan dhufeef lakkoofsi daawwatoota biyya alaa dabalaa dhufuu isaa biiroon aadaa, turiizimii fi hambaa naannichaa ibse.

 Biiroo kanatti daayirektarri Turiizimii aadde Yaasmiin Zakkaariyaa akka ibsanitti, waggoota darban sadiitti biyyattii fi naannichatti sababa rakkoo nageenyaa uumamee tureen lakkoosfi turistoota biyya alaa bakkeewwan daawwannaa kanneen daawwatan xiqqaachaa dhufeera.

Bara bajataa xumurameen naannichaa fi magaalattiitti bakkeewwan daawwii amantaa, seenaa fi hambaalee durii turistoonni biyya alaa kuma 23 fi 553 daawwataniiru.

Kunis bara darbe waliin yoo madaalamu dhibbantaa 42 tuqaa 6 caalmaa agarsiisuu isaa dubbataniiru.

``Lakkoofsi daawwattootaa dabalaa dhufuun isaa yeroo ammaa kana biyyattii fi naannichatti nageenyi bu’aa deemuun yeroo gara yerootti fooyya’insa agarsiisuuni dha`` jedhan.

Bara bajataa kanatti turistoonni biyya keessaa fi alaa kuma 112 ol magaalattiitti bakkeewwan daawwii argaman daawwachuun galiin Birrii miiliyoona 117 ol argamuu isaa ibsaniiru.

Hojii daawwattoota biyya alaa daawwachiisuun kan jiraatan obbo Abdii Ahimad yaada kennaniin, ``waggoota darban sadiitti sababa nageenyi boora’een lakkoosfi daawwattoota biyya alaa fi galiin guyyaa hir’atee ture`` jedhan. 

 Magaalattiitti babal’ina hoteelotaa fi kenninsi tajaajilaa fooyya’uun daawwattoonni naannoo sana oolanii buluuf kaka’umsa uumaa dhufuu isaa kan hubachiise immoo hojii daawwachiisuurratti kan bobba’e dargaggoo Biiniyaam Waldasamaayat dha.

Hambaa gamoo Jagool eeguu fi keessumaa naannicha beeksisuun walqabatee hojiiwwan hojjetaman muraasa ta’uun mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo kennee hojjechuu akka qabu eereera.
Itti aanaan itti gaafatamaa biiroo aadaa, Turiizimii fi Hambaa naannichaa obbo Ayyub Abdullaahii ``keessumaa gamoo Jagool keessatti kan argaman manneen seenaa fi kiristiyaanotaa haaromfamaa jiru` jedhan.
Naannichatti bakkeewwan seenaa fi hambaawwan dur durii hojiin beeksisuu cimee akka itti fufu beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015