Mootummaan Ayarlaand Ijaarsa Dandeettii Raawwii Filannoof Kan Oolu Birrii Miiliyoona 23 Ol Deeggarsa Taasie

59

Waxabajjii 27/2011 Mootummaan Ayarlaandi filannoo Itiyoophiyaatti adeemsifamuu fi hojiiwwan ijaarsa demokiraasii biyyattii cimsuuf  kan oolu Birrii miiliyoona 23 ol gargaarsa kenne.

Gargaarsi kun sagantaan misoomaa dhaabbata mootummoota walta’anii dandeetti boordii filannoo Itiyoophiyaa guddisuuf, dhaabbata iftoomina qabu, haqaa fi amanamaa ta’uuf yaalii taasisu kan deeggaru dha jedhan. 

Walii galtee deeggarsa maallaqaa kana Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Ayarlaandii miis Sonja Hayilaandii fi Itiyoophiyaatti bakka bu’aan sagantaa misooma dhaabbata mootummoota waltaa’anii Turan Sahilah har’a Finfinneetti mallatteessaniiru.

Miseensa boordii filannoo biyyoolessaa kan ta’an aadde Bizuuwarq Kattataa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti, mootummaan Ayarlaand deeggarsa maallaqaa taasise Itiyoophiyaa keessatti filannoo bilisaa fi dimokiraatawaan akka adeemsifamuuf yaalii jalqabame ni gargaara.

 Haala kanaan bakka bu’aan hawaasa guutuu addunyaa kan ta’e sagantaan misooma dhaabbata mootummoota walta’anii mallaqa kana kennuu isaanii dubbataniiru.

Sagantaan misooma mootummoota walta’anii raawwii dandeetti boordii filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa cimsuuf Doolaara miiliyoona 40 gargaarsa taasisuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015