Baankiin Daldalaa Guutuu Addunyaa Gibtsii Finfinneetti Biiroo Akka Banu Beeksise

68

Wabajji 26/2011 Baankiin daldalaa guutuu addunyaa Gibtsii dhuma ji’a kanaatti biiroo bakka bu’aa isaa Itiyoophiyaatti akka banu beeksisuu isaa abbootiin taayitaa olaanoon baankichaa dubbataniiru.

Akka fuula weebsaayitii Amiwal Algahad Gibtsii irratti ba’een, Gibtsi keessatti baankiiwwan gurguddoo sochiirra jiran  keessaa   baankiin daldalaa kun tokko ta’uu isaas  himamee jira.

Baanikichi dameewwan isaa babal’isuun biiroo bakka bu’aa haaraa banuu danda’uun, Afriikaanotaaf sochii hojiif faayidaa olaanaa qabaachuu isaa itti gaafatamaan kutaalee baha Afriikaa Wagadi Dabor akka dubbatan eerameera.

Itiyoophiyaa keessatti damee isaa banurratti dabalatee yeroo itti aanutti qaqqabiinsa isaa babal’isuun hojiiwwan babal’aa idil addunyaa hojjechuuf akka yaades ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015