Balaan Ibiddaa Giddu-Gala Gabaa Magaalaa Harar Irra Ga’ee Ture To'annoo Jala Ooleera

96

Waxabajjii 25/2011 Magaalaa Harar giddu galeessa gabaa naannoo Mabraat Hayiil jedhamutti argamu irratti balaan ibiddaa qaqqabee ture to'annoo jala ooluu isaa poolisiin beeksise.

Konkolaataan ibidda dhaamsu yeroon dhufuu dhabuu isaan kan ka'e qabeenyi hedduun akka jala gubate daldaltoonni dubaataniiru.

Dubbii himaan komishinii poolisii naannoo Hararii komaandar Xaasoo Chaalawu akka jedhanitti balaa ibiddaa mudate kana poolisiin federaalaa akkasumas miseensonni raayyaa ittisa biyyaa irratti hirmaachuun dhaamsuun danda'ameera.

Balaan kun sa'aatii 2f kan ture yoo ta'u, sa'aatii 3:30tti ture to'annoo jala kan oole.

Qabeenyi balaa kanaan barbadaa'e hamma yoonaatti kan hin ibsamne yoo ta'u, sababni balichaas qoratamaa jira jechuun komandarichi dubbataniiru.

Balaa kanaan manni huccuu itti hoodhan jalaa gubachuu isaa kan dubbatan obbo Binsaa Buzaayooti.

Gabaa kana balaan yeroo yeroon mudachuu isaan kan ka'e hojii isaanii irratti dhiibbaa taasisaa jiraachuus himaniiru.

"Balaan kun yeroo lammaffaaf na mudate, kanaanis qabeenyi hedduun na jalaa gubachuu danda'eera " kan jedhan immoo obbo mohaammad Abdallaati.

Naannoo gabaa kanaatti bara 2002 fi 2007 balaan wal fakkaataa ta'e mudachuun isaa kan yaadatamu dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015