Tamsaasa Kallatti:

Giddu-gala Gabaa Magaalaa Harar Irra Balaan Ibiddaa Ga'ee

Waxabajjii 25/2011 Magaalaa Harar giddu galeessa gabaa naannoo Mabraat Hayiil jedhamutti argamu irratti balaan ibiddaa hanga ammaatti sababni isaa hin beekamne ga'aa jira.

Rippoorterri Tajaajila Oduu Ityoophiyaa iddoo sanaa akka gabaasetti sababni ka'umsa balaa ibidda kanaa hanga ammaatti akka hin beekamne ibse.

Balaan kunis yeroo ammaa kana mana daldalaa adda adda irratti qaqqabaa jira.

Yeroo ammaa kanas poolisiin naannoo sanaa fi federaalaa, raayyaan ittisaa biyyaa fi jiraattonni naannoo ibidda kana dhaamsuuf tattaafachaa jiru.

Abboottin qabeenyaa mana daldalaa kunneenis qabeenyaa isaanii balaa kana irraa hambisuuf yaalii taasisaa akka jiran himeera.

Balaa kanaan walqabatee saamichi qabeenyaas akka hin muudanneef eegumsi cimaan taasifamaa jirachuu isaas ibsee jira.

Miidhaa balaan kun geessisees hordofnee kan gabaasnu ta'a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015