Koollejjiin barsiisotaa Roobee barattoota 907 eebbisiise

92

Baalee waxabajjii 22/2011 Koollejjiin barsiisoota Roobee yeroo 29ffaaf barattoota sagantaa idilee fi galgalaan barsiisaa ture 907 ta'an har'a dipiloomaan eebbisiise.

Eebbifamtoota kanneen keessaas 412 dubartoota  akka ta’an ibsame.

Diiniin koollejjiichaa obbo Dirribaa Dagafaa wayiita kana akka jedhanitti baratootni hari'a eebbifaman kunneen waggoota sadiif barumsaa isaanii sirnaan warra hordofanii dha.

Eebbifamtootni kunneen Qooqaan, Saayinsii hawaasaa fi Saayinsii umamaa dabalatee gosoota barnootaa kanneen biroon kan eebbifamanii dha.

Koollejjichi barsiisoota egeree daa'immani qaruu danda'an hedduu horachuuf hojjechaa jiras jedhan.

Akka ibsa obbo Dirribaatti koollejjiin kun dhiphina daree barnootaa qabu hiikuuf birrii miiliyoona 130n hojiin babal'isuu daree hojjetamaa jira.  

Sagantaa eebbaa kana irratti kan argaman itti gafatamaan waajjiraa barnootaa obbo Gosaa Gizaawu eebbifamtootni waan barnootaan argatan iddoo itti ramadamtanitti naamusaan akka tajaajilan ergaa dabarsanii jiru.

Barattoota qabxii ol'aanaa galmeessaniif Geebni fi meedaaliyaan kennamee fi jira. 

Koollejjiin kun bara 1972 kan dhaabatee yoo ta'u, hanga ammaatti baratoota kuma 52 ol ta'an eebbisiisuu isaas ragaan argame ni ibsa.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015