Oromiyaa Lixaatti Gocha Gareen ‘Shanee ABO’ Jedhamuun Beekamu Raawwatu Jiraattonni Balaaleffatan

83

Waxabajjii 19/2011 Oromiyaa lixaatti gocha garee Adda Bilisummaa Oromoo Shanee (ABO) jedhamee beekamuun raawwatamu akka balaaleffatan jiraattonni hiriira nagaa gaggeessaniin ibsan.

Oromiyaa lixaa godinaalee addaddaa keessa socho’uudhaan nageenyaa fi tasgabbii ummataa kan booressan gocha garee Shanee ABO balaaleffachuudhaan kaleessa hiriirri mormii adeemsifameera.

Hiriira mormii godinaalee addaddaa keessatti adeemsisaniin faayidaa ummata Oromootiif kan qabsaa’u fakkeessuudhaan garee Shanee ABO ajjeechaa fi saamicha raawwatu sochiisaanii dhaabsisuudhaan mootummaan olaantummaa seeraa akka eegsisu dargaggoonni hiriira nagaa kanneenii irratti hirmaatan gaafataniiru.

Maqaa Shanee ABOtiin nageenya booressuu fi ummata shororkeessuu gocha cimsanii balaaleffatan akka ta’e ibsaniiru.

 Kanas ta’ee gareen Shanee ABO jedhamu namootarratti haleellaa uumaa fi qabeenyaa barbadeessaa akka jiru jiraattonni ibsaa jiru.


Hiriirtonni mormii kunneen biyyattii gara demokiraasummaatti ceesisuuf  lammiin hundi ga’eesaa akka ba’u gaafatanii, bara kana keessaa qabsoo hidhannoo adeemsisuudhaan qara aangootti dhufuuf yaaduun gocha fudhatama hin qabne akka ta’e ibsaniiru.

Nageenya lammiilee mirkaneessuu fi demokiraasii dagaagsuuf yaalii taasifamu ummanni mootummaa cinaa akka dhaabatu gaafatamera.

Hawaasnis nageenya naannawasaa dammaqee eeguudhaan itti fufiinsa misoomaa fi jijjiiramaa irratti gumaacha jalqabe cimsee akka itti fufu waamichi darbeera. 3/

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015