sirna dimokraasii dagaagsuuf yaada biyyoolessaa ta'e tokko uumuun akka barbaachisu barattoonnii fi barsiisonni yuunivarsiitii Odaa Bultum dubbatan

86

Ciroo/Jimma/ Waxabajjii 19/2011 Biyyattiitti sirna dimokraasii dagaagsuuf yaada biyyoolessaa ta'e tokko uumuun akka barbaachisu barattoonnii fi barsiisonni yuunivarsiitii Odaa Bultum dubbatan.

Yuunivarsiitichatti barsiisonnii fi barattoonni tokko tokko tajaajila oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti garaa garummaan yaadaa yoo jiraates sirna dimokraasii dagaagsuuf mariin qofa hiikuun akka barbaachisu himaniiru.

Yuunivarsiitichatti barsiisaan qooqaa fi bareeffamaa Najiib Qaasim akka jedhanitti mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf socho'uu akka qabu dubbataniiru.

Sirna dimokraasii dagaagsuufis imaammanni ummata tokko taasisu ba'ee hojiitti hiikamuu qabas jedhaniiru.

Barsiisaan yuunivarsiitichaa Yasuuf Alii gama isaatiin akka jedhetti jijjiiramni amma biyyattiitti argame dargaggootaan akka dhufe dagatamuu hin qabu jechuun himaniiru.

Namoonni jijjiirama kana dubatti deebisuuf socho'aa jiran hojii isaaniirraa of qusatanii biyya namoota hundaaf mijattuu taate ijaaruu irratti gumaacha taasisuu qabu jechuunis dubbataniiru.

"Ummanni biyyattii sirna dimokraasii dagaagsuuf ga'ee isaan irraa eegamu ba'aachuu qabu "kan jedhe immoo barataa MubaarakToofiiqidha.

Dabalataanis jijjiiramni kun duubatti akka deebi'uuf anga'oota mootummaa irratti namoonni badii adda addaa  gaggeessaa jiran namoota nagaa hin barbaannedhas jedhaniiru.

Jijjiiramni kun ammoo duubatti akka hin deebineef wareegama kana irraa barachuun fuula duratti qofaa adeemuun ni barbaachisas jedheera.

Haaluma wal fakkaatuun ajeechaan anga'oota olaannoo irratti gaggeeffame kun maqaa biyyattii kan balleessudha jechuun jiraattonni Godina Jimmaa magaalaaAggaaroo dubbataniiru.

Jiraattonni magaalaa Aggaaroo lakkoofsaan kuma 2 ol ta'an kana kan jedhan marii haala yeroo irratti gaggeessan irratti ta'uun beekamee jira.

Wayituma kanas ajeechaa anga'oota ol'aanoo mootummaa naannoo Amaaraa irratti gaggeeffame kan balaaleffatan ta'uus himanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015