Qabannaan mirga namoomaa sirreeffamtootaa fooyya’eera - ENA Afaan Oromoo
Qabannaan mirga namoomaa sirreeffamtootaa fooyya’eera
Finfinnee Amajjii 2/2011 Manneen sirreessaa federaalaa keessatti akkaataa qabannaa mirga namoomaa fooyyee agarsiisuun isaa ibsame.
Baatii 6 keessatti sirreeffamtoonni kuma 6 fi dhibba 5 dhiifamaan, murtee idilee, yeroon akka gabaabbatu gochuunii fi murtee mana murteetiin hawaasatti akka makaman ta’eera.
Bulchiinsi mana sirreessa federaalaa baatiiwwan 6n darban hojiiwwan hjjeteman ilaalchisee ibsa kenneera.
Daayiraktarri olaanaa bulchiinsa mana sirreessaa federaalaa ob. Jamaal Abbaasoo akka jedhanitti, “qaamolee haqaa dabalatee manneen sirreessaa federaalaa bulchiinsi farra demokiraasii kan keessatti babal’ate ture.”
Ajaja mana murteetiin sirreeffamtoonni beellama qabanii fi murteen kennameef ofitti fudhachuudhaan nageenya isaanii eeguudhaan sirraa’anii hawaasatti akka makaman gochuuf sirreeffamni caasaa taasifameera jedhaniiru.
Dursee miidiyaaleedhaan akka ibsametti, dhiitamuun mirga namoomaa manneen sirreessaatiin ga’aa ture “rakkoo sirnichaa” akka ture ibsaniiru.
Dhiitamuun mirga namoomaa manneen sirreessaa federaalaatiin ga’aa ture baatii 6 keessatti jijjiirama agarsiisuu isaa dhaabbileen mootummaa fi mit-mootummaa mirkaneessaniiru jedhan.
Manni mare bakka bu’oota ummataa, akkasumas dhaabbileen mirga namoomaa biyya alaa sakatta’a taasisaniin, dhiitamuun mirga namoomaa manneen sirreessaatiin raawwatamaa turan jijjiirama agarsiisuun isaa mirkanaa’eera.
Hojmaata mana sirreessaa fooyyessuuf jijjiirama taasifameen hoggantoonni 103 ol haaraa kan bakka bu’an yoo ta’u, bulchiinsa mana sirreessatti haala qabiinsa mirga namoomaa, sirreessuu ilaalchisee leenjiin kennamuu isaa beeksisaniiru.
Fuulduraaf dhiitamuun mirga namoomaa sirreeffamtoota irratti akka hin raawwatamne labsiiwwan , danbiiwwan, qajeelfamoonnii fi hojmaanni addaddaa qophaa’aa akka jiran ibsaniiru.
Finfinnee,Dirree Dhawaa, Shawaa Roobiitii fi Zuwaayitti manneen sirreessaa ammayyaa ijaaramaa akka jiran ibsaniiru.
Dhaabbileen manneen sirreessaa kunneen mana leenjii teekinikaa fi ogummaa, tajaajilli yaalaa guutuu ta’e kan keessatti kennamu, manni barumsaa sadarkaa tokkoffaatii hanga qophaa’inaa fi iddoowwan eegumsaa kan ofkeessaa qabanidha.
Manni sirreessaa Finfinnee naannawa abbaa Saamu’eel jedhamutti ijaaramaa jiru harki 96 raawwatamuu isaa ibsanii, bu’urri misoomaa erga xumuramee booda yeroo dhihootti hojii akka jalqabu dubbataniiru.
Manneen hidhaa dhoksaa mootummaan argate ilaalchisee beektuu? Jechuun gaaffii dhihaate yemmuu deebisan “manneen hidhaa dhoksaa jiraachuu isaanii waanti beeknu hin jiru. Nutis kan dhageenye miidiyaa irraayyu” jedhaniiru.
Jiddu galeessi haaromsaa Dirree Dhawaa, Zuwaayi, Qilinxoo, Shawaa Roobiit , Qaallittiitti kan argamu manni sirreessa dubartootaa fi eegumsa olaanaa manneen sirreessaa federaalaa jalatti argamu.