Godina Gujiitti Lafti Heektaari 143 Facaasaaf Qophaa'ee

63

Nagallee Waxabajjii 14/2011 Naannoo Oromiyaa godina Gujiitti lafti heektaarri 143 ta'u facaasaa waqtii gannaaf qophaa'uu isaa waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa Godinichaa beeksisee jira.

Xaa'oon qonnaa ganna kanaaf oolu yeroon akka dhiyaatuufis qonnaan bultoonni kunneen gaafataniiru.

Waajjirichatti ogeessi misooma callaa obbo Boonayyaa Huqaa akka jedhanitti, hamma yoonaatti lafti heektaarri 160 sanyiin kan uwwifame yoo ta'u lafti heektaarri 143 ammoo qophii ta'ee jira.

Garbuu, Baaqelaa, Qamadii, Xaafii fi Boqqolloo bara kana faca'u irraa callaan kuntaalli miiliyoona 3 fi kuma dhibba 6 ni argama jedhamee eegama.

Lafti bara kana callaan uwwifame kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu heektaara kuma 5 kan caalu yoo ta'u, callaan argamuuf karoorfames kuntaala kuma 120 ni caala jedhameera.

Oomisha qonnaa kanafiis xaa'oon kuntaali kuma 38 qophaa'uu isaas himani jiru.

Qonnaan bultoota godina kanafiis leenjiin dhimma qophii maasaa, fayyadamaa xaa'oo fi kannen biro irratti kenamani jiru jedhaniru.

Qonnaan bulaan yadda isaani kennan kessaa obbo Abaraa Deeganaa akka jedhanitti lafa isaanii qootanii qopheessuu isaani dubataniru.

Lafa oomisha Xaafii fi qamadii faccaasuuf qopheessan heektaara 4 ta'uuf xaa'oon kuntaali 4 akka isaan barbaachisus himaniru.

Qamni dhimmi ilaalatus xaa'oo yeroon akka qopheessuuf gaafatani jiru.

Obbo Waate Shinqaa gama isaanittiin xaa'oon bara kana yeroon akka dhiyaatuf gaafatanii jiru.

Bara darbe xaa'oon yeroon dhiyaachuu dhiisuu isaa irraan kan ka'e yeroon facaasaa akka irra darbe tures yaadatanii jiru.

Godina Gujiitti hojin qonnaa cimee itti fufuun isaas bekame jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015