Prezidaantiin Chaayinaa Shi Fi Prezidaantiin Ameerikaa Tiraamp Yaa'ii Garee Biyyoota 20 Irratti Wal Arguuf Walii Galan

70

Waxabajjii 13/2011 Yaa'ii garee biyyoota 20 baatii dhufu adeemsifamu irratti Prezidaantiin biyya chaayinaa Shi Jinpiing fi Prezidaantiin Ameerikaa doonald Tiraamp waliin marii taasisuuf karoorfachuu isaanii miidiyaan ‘CGTN’ gabaaseera.  

Marii bilbilaan taasifame kana irratti prezdaantonni lamaan dhimma walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsan irratti fi dinagdee akkasumas haala gabaa irratti marii akka taasisan Tiraamp dubbataniiru.

Shiin gama isaaniitiin yeroo ammaa kana rakkoo biyyoota lamaan quunnamaniif furmaata laachuuf marii abdii qabu dha jedhaniiru.

Yaa'ii kana irratti Shi waliin wal quunnamuuf akka ariifatan kan himan Doonald Tiraamp marii kana ummanni addunyaas ilaaluu kan fedhu dha jedhaniiru.

Yaa'iin garee biyyoota 20 kun akka lakkoofsa warra Awurooppaatti Waxabajjii 28-29 bara 2019 Jaapaan magaalaa Osaakaatti ni gaggeefama jedhamee eegama.

Prezidaantonni lamaan kanaan dura yaa'ii biyyoota 20 biyya Arjentiinaa magaalaa Boonesaayresitti gaggeeffame irratti wal arguun isaanii kan yaadatamu dha. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015